top of page

Seera Dhaalaa Mirga Abbaa Qabiyyuummaa Lafa Baadiyyaa Nannoo Oromiyaa; seeraa fi qabatama

Seera Dhaalaa Mirga Abbaa Qabiyyuummaa Lafa Baadiyyaa Nannoo Oromiyaa: - Seera fi Qabatama


Qopheessaan:- Kabbabaw Birhaanu


Seensa


Dhaalli karaa mirgi abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa ittiin dhaloota irraa dhalootatti darbuu fi argamu kessaa isa tokkoo dha.[1] Waan ta’eef yeroo ammaa kana gama tokkoon mirgi abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa mirga murteessaa fi isa mirgoota biroo qonnaan bulaan keenya qabuuf kan bu’ura ta’e ta’uu isaa irraa kan ka’e, gama biraan immoo hubannoon seera dhaalmaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa bulchu irratti jiru gadi aanaa ta’uu isaan, dhimmi dhaalmaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhimma qonnaan bulaan keenya jiruu isaa dhiisee manneen murtii jalaatii kaasee hanga oliitti qabtee naanna’uu fi ifaaju erga ta’ee oolee bulee jira. Addaa addummaan ejjannoo dhimma kana irratti ogeessota seeraa qaamolee haqaa keenya biraa calaqqisuu fi murteewwan manneen murtii sadarkaa gara garaa irra jiraniin kennamus mata duree marii ol aanaa ta’eera. Kun immoo kallattiin ykn alkallattiin qulqullina tajaajila haqaa kenninu, fi mirgaa fi jiruu hawaasa bal’aa qonnaa bulaa keenya faana wal qabata. Waan ta’eef dhimmi kun dhimma ijoo kallattiin fuurmaataa sirrii ta’e kaawwamuufi qabuu dha. Barreeffamni gabaabduun kun kaayyoo walii galaa kana kan qabatte yoo ta’u, Ijoowwan dubbii filannoo seera dhimma dhaalmaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa bulchuu, eenyummaa nama mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaaluf mirga qabuu, fi rakkoowwan qabatamaa dhimmichaan walqabatee calaqqisaa jiruu adda baasuun erga xiinxaltee booda yaada guduunfaa fi kallattii furmaataa kan keessu ta’a.


Seera Dhimmicha Bulchu


Lafti qabeenya addaa ta’uu isaa irraa kan ka’e kallattii imaammataa mataa isaa kan qabu fi kanas galmaan gahuuf seeronni addatti kan bahaniifi jiruu dha.[2] Waan ta’eef dhaalli mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa akka sirna dhaalmaa qabeenyota kanneen biroo sirnaa fi tartiiba dhaalmaa seera dhaalmaa walii gala seera hariiroo hawaasaa keessa jiruun kan raawwatamu osoo hin taane bu’ura seerota lafa bulchuuf mootummaa federaalaa fi naannoo keenyaan kallattii imaammataa mootummaan lafa irratti hordofu irraa ka’anii bahaniitiin.[3] Kunis dhimmi dhaalaa mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa kallattii imaammataa fi seera addaa mataa isaa danda’e hordofuu dha. Waan ta’eef sirna dhaalaa qabeenya kanneen biroo seera hariiroo hawaasaa bulchuu jarraa tokkoo fi walakkaa dura baheen bulu irraa adda addummaa qaba. Kun ilaalcha keessa galuu qaba.[4]Bu’uruma kanaan seerri dhimma kana bulchu qajeeltoowwanii fi tumaalee seeraa heera fi seerota addaa dhimma lafaa bulchuuf mootummoota nannoleen fi federaalan bahan keessaa kan sadarkaa calqabaatti filamuu dha.[5] Gara seera hariiroo hawaasatti kan deemmamu dhimmichi ifatti seera addaa dhimma lafaa bulchuun kan hin haguuggamne yoo ta’ee dha. Gaafa akka kanaa kanas yoo ta’e tumaalee seera hariiroo hawaasaa dhimmichaaf filatame kana haala qajeeltoo heerichaa fi kallattii imaammataa mootummaan dhimma lafaa irratti hordofuun walitti hin buuneen hojiitti hiikkamuu qaba. [6]


Eenyutu Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Baadiyyaa Dhaalaan Argachuuf Mirga Qaba?


Dhimma dhaala mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaan wal qabatee dhimmi ijoon eenyuma namoota mirga kana dhaalan argachuuf mirga qabanii adda baasuti. Kana ilaalchisee barreessan Geetnat Alamuu namni tokko dhaalaan mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa argachuuf jiraataa ganda qonnaan bulaa lafti keessa jiruu fi qonnaan bulaa ta’uun ulaagaa dha jedheera.[7] Haaluma wal fakkaatuun barreessitootni Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe fi Michael Roth[8] jedhaman bu’ura seera amma jiruun mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaaluuf miseensa maatii qonnaan bulaa fi jiraataa ganda sanaa ta’uun akka ulaagaa ta’e haala ifa ta’een ibsanii jiru.Haaluma wal fakkaatuun aangoo hikkoo seeraa manneen murtii biroon hordofamu kunnuu kan qabu dhaddachi ijibaata federaalaa, namni tokko mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaalan argachuuf miseensa maatii ta’uun qofti gahaa akka hin taanee fi sanaan dabalata qonnaan bulaa, jiraataa ganda baadiyyaa lafti falmii keese keessa jiruu fi galii qabiyyee kana irraa argamuun kan bulu ta’uu akka qabu murteessee jira.[9] Seera rogummaa qabus yoo ilaalla ta’e, seerri sadarkaa calqabaatti dhimma kanaaf rogummaa qabu labsiin bulchiinsa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa bulchuuf mootummaa federaalaan bahe labsiin lakk. 456/1997 kwt 8 jalatti mirgi abbaa qabiyyummaa dhaalan darbuu akka danda’u ifatti kan tume ta’uu irra darbee innumti kun seerota lafa baadiyyaa bulchan kanneen naannoo keenyan bahanii hojiirra jiraniin fudhatama argateera.[10]Bu’uruma kanaan labsiin[11] kun namni miraga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa qabu tokko haalli inni mirga isaatti fayyadamu keessaa tokko miseensa maatii ofii akkaataa seera dhaalmaatiin[12] mirga dhaalmaa qabniin dhaalchisuu akka ta’e kwt. 6(1) fi 9(1) jalatti tumameera. Kana waan ta’eef, abbaan qabiyyee mirga qabiyyee lafa baadiyyaa isaa miseensa maatii isaa akkaataa seera dhaalmaatiin mirga dhaalmaa qabniin dhaalchisuuf mirga qaba. Gama biraan immoo qonnan bulaan, horsiisee bulaan ykn gamis horsiise bulaan mirga abbaa qabiyyummaa maatii isaa irraa dhaalan argachuuf mirga qaba. [13] Kana jechuun qonnaan bulaan mirga abbaa qabiyyummaa qabu miseensa maatii isaa akkaataa seera dhaalmaatiin mirga dhaalmaa qabniin qabiyyee lafa isaa dhaalchisuuf mirga qaba; qonnaan bulaan immoo mirga abbaa qabiyyummaa dhaalan matii isaarra argachuuf mirga qaba.[14] Kana waan ta’eef miseensi maatii qonnaan bulaa keessa isaan qonnaan bulaa, horsiisee bulaa ykn gamis horsiise bulaa ta’an dhaalan maatii isaanii irraa lafa argachuu danda’u.


Rakkoowwan Qabatama Hojii Keessatti Mul’atan


Dhimmi dhaalmaa mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa qabatama hojii keessatti iddoo rakkoon irratti calaqqisu keessaa isa duraati. Ijoowwan dubbii rakkoon irratti calaqqisan kanneen akka itti aanu kanatti gabaabbinaan haa ilaallu. Iddoo rakkoon akka kanaa kun itti calqisu keessaa tokko isa ‘mirga durasaa’n wal qabatuu dha. Labsichi dhaaltoota qabiyyee lafa sanarraa argamuun bulaniif, ykn galii biraa hin qabneef dursi mirga dhaalmaa akka kennamuufii qabu kwt 9/2 jalatti ibseera. Labsichi ‘mirga durasaa’ kan jedhu maal jechuu akka ta’e hiikoo kan itti kenne ta’uu baatus ibsa kwt 9/2 fi damb[15] kwt.3/13 jaltti kennameef irraa ka’uun namni tokko mirga dursaan qaba jedhee dhaaltota kaan dhaala keessaa hambisuuf dhimmoota itti aanan kana agarsiisuu danda’uu qaba. Isaanis :-Jalqaba miseensa maatii qabiyyee lafa baadiyyaa dhaalaan argachuuf seeraan kaa’aman keessaa tokko ta’uu qaba. Miseensi maatii dhaalan lafa argachuu danda’a jedhee seerri kaa’e immoo qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi/ykn gamis horsiisee bulaa qofa.[16] Ofii isaatii/ishiiti galii qabiyyee lafa sanarraa argamuun kan bulan yookiin galii biraa kan hin qabne ta’uun isaa ragaa Mana Maree Bulchiinsa Gandaatiin mirkanaa’ee dhiyeeffachuu akka qabuu[17] fi Dhaaltonni kuun galii lafa sana irraa argamuun ala madda galii biraa kan qaban ta’uu agarsiisuf dirqama kan qabu ta’uu isaati (jireenyi isaanii galii lafa sanirraa argamurratti kan hundaahe ta’uu dhabuu) [18]Haa ta’uutii garuu mirgi dursaa kun hanga kamitti kennama dhimma jedhuuf labsiin bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo keenyaa wanti inni jedhu kan hin jirre tu’uu irraa kan ka’e kanaan dura dhimmi kun haala kamiin raawwatama waan jedhu irratti ijjannoon adda addaa kan ture ta’u illee dambiin labsicha raawwachiisuuf bahe dambii 151/2005 kwt’n 10/10 akkaataa labsii 130/97 kwt keewwata 9 keewwata xiqqaa 2 jalatti tumameen qabiyyicha namoota mirga dhaalaatiin dursa qabaniif gaheen nama tokkoo lafa midhaanii heektaara tokko, lafa jallisii heektaara 0.25 fi qabeenya dhaabbataa heektaara 0.25 kan hin caalle kennameefii kan hafu irratti miseensa maatii biraa waliin mirgi dhaalaa ni eeggamaaf jechuun fala itti kenneera. Akka walii galaatti dhaalaan qabiyyee lafa baadiyyaa argachuuf miseensa matii ta’uun dabalata qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, ykn gamis horsiisee bulaa ta’uun dirqama; dhimmi dursaas kan ka’u qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, ykn gamis horsiisee bulaa galii biraa qabuu fi hin qabne jidduutti kan raawwatamuu ta’uu isaati. Gama biraan seerichi mirga qabeenya dhaabbataa kan akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru dhaaluu dhaaltota bu’ura tumaalee seera hariiroo hawaasaa qabeenya biroo kam iyyuu dhaaluf kaawwamanii filataman hundaa fi nama biroo sababa dhabbiin galii qabiyye lafa abbaa qabiyyee irraa argamuun abbaa qabiyyee faana jiraateef dhaalaa qabiyyee lafaa ta’eef akka hayyametu hubatama. Ta’us dhaaltoota kanneen keessaa kan qabiyyee lafa baadiyyaa dhaaluuf mirga hin qabne garuu qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan dhaaluuf mirga qabu kun qabeenya dhaale kana oomisha qabeenya irraa argamu oomisha waggaa 3 namoota dursa dhaalaa qabiyyee lafaa qaban waliin baasii barbaachisaa ta’e danda’uun oomisha yookiin galii qoodachuu ni danda’a; oomisha waggaa 3 booda mirgi lafichaa fi oomisha qabeenya dhaabbataatti fayyadamu kan nama mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa dhaaluuf dursa qabu ta’a.[19]Ijoon biroo asitti dabalataan ka’uu malu namni biroo sababa dhabbiin galii lafa irraa argamuun abbaa qabiyyee faana jiraateef dhaalaa qabiyyee lafaa ta’ee qabeenya biroo kan qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru hin taane dhaaltota biroo faana dhaaluuf mirga ni qabaayii dhimma jedhuu dha. Kana ilaalchisee tumaalee seera dhimma lafaa ilaalatan kam irraayyuu wanti hubatamu hin jiru. Gama biraan namni abbaa qabeenyaa ta’e qabeenya isaa dhaaltota isaa akka seera hariiroo hawaasaa dhimma dhaalaa akka walii galaatti ilaallatuun dhaaltota jedhamanii filatamaniif mirga dhaalchisuu akka qabu seerri ifatti kaa’ee akka jiru ragaa lakkaa’u hin barbaachisu. Waan ta’eef namni biroo abbaa qabiyyee faana dhaabbiin waan qabiyyee lafichaa irraa argamuun fayyadamaa sababa jiraateef bu’ura seera lafa baadiyyaa federaalanis ta’ee nannoo keenyaan miseensa maatii ta’ee qabiyyee lafaa dhaalu kun mirgi dhaalmaa isaa qabiyyee lafaa fi qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru irratti kan daangahee dha.Kaayyoon tumaa seera kanaa lafti qabeenyaa mootummaa waan ta’eef, namootni mirga abbaa qabiyyee isaaniitti gar malee fayyadamuun lafa akka qabeenya dhuunfaatti akka hin dabarsine dhorkuu dha.Keessattuu, lafti harka lafa jalaan akka hin gurgura mne gochuuf hiikkaa miseensa maatii dhiphisuun barbaachisaa dha. Omshitummaa lafaa ol kaasuun immoo kaayyo isa birooti. Lafti jireenya qotee bulaaf murtessaa waan ta’eef harka isaa keessaa akka hin baane dhorkuu dha.[20]

Yaada Guduunfaa fi Furmaataa Lafti qabeenya ummamaa murteessaa fi qabeenya biroo illee horachuuf isa bu’uraa ta’ee dha. Sirnaa fi sochii diinagdee kamiiyyuu keessatti taanaan dhimmi lafaa dhimma ijoo fi akkaataan argannaas ta’ee bulchiinsa mirga qabeenya kana irratti horatamuu dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaaduu dha. Lafti sanuma ta’uu ishee fi yeroo irraa yerootti kan hin daballe ta’uu isaan walitti dabalamee qabeenyi kun qabeenya mi’aawaa akka ta’u taasiseera. Amaloota bu’uraa qabeenya kanaa haala ilaalcha keessa galcheen fi kayyoo imaammata lafa biyyattii qabeenya lafaa haala bu’aa qabeessaa, itti fufiinsa qabuu fi lammiilee hundi sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’an taasisuu galmaan gahuu danda’aniin haalli argannaa lafa baadiyyaa nannoo keenyaa seeran bulee argama.Bu’uruma kanaan karaan mirgi abbaa qabiyyee lafa badiyyaa naannoo oromiyaa ittiin argamu keessaa tokko maatii ofii irraa dhaalaani dha. Dhaalaan mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa kan argachuu danda’u immoo miseensa maatii qonnaan bulaa qonnaan bulaa ta’ee dha. Qonnaan bulaan lamaa fi sanaa ol gaafa dhaalaaf dhiyaatan isa galii biraa hin qabnee fi dhaabbiin abbaa qabiyyee faana jiraatuuf hanga hektaara tokkootti dursi mirga dhaalmaa kennameefii ti kan hafe warra kaan faana kan qixa hiratu. Qabatamaa hojii lafa irraa jiruun garuu haala itti namni bu’ura seeraan dhaalan mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa argachuu hin dandeenye lafa itti argatutu mul’ata. Kan mirga kana immoo argachuu malu yoo dhabutu mul’ata. Kun immoo qonnaan bulaa keenya mirga isaa dhabsiisaa fi dhamaatii hin malleef saaxilaa jira.Kun immoo qajeeltoo bu’uraa Heerri biyyattii fi Imaammata mootummaan kaa’ame akka hojiirraa oolaa hin jirre namati agrsiisa. Seerri qajeeltoo kanas hojiitti hikuuf dandeessisu jiraatu illee kallattii yaadameen hiikkamee hojiirra oolaa akka hin jire namatti agarsiisa. Waan ta’eef rakkoo kana furuuf mootummaa dhimma kana irratti haala ulfina isaan wal madaaluun hubannoon bal’ina qabu bifa leenjiin ykn mijataa ta’e kan biroo kanneen akka midiyaan abbaa mirgaaf, rawwattoota fi mudamtoota mootummaa dhimma kana bulchaniif kennamuu qaba. Kana qofa osoo hin taane dhimmi qabeenya lafaa bulchuu dhimma murteessaa fi hubannoo seeraa gad fageenya qabu gaafatuu dha. Waan ta’eef muudamtoonnii fi raawwatoonni dhimma kana bulchanii fi seerota qabeenya lafaan wal qabtu hojiitti hiikan ogeessota seeraa ta’uu qabu.Kanaan maddiitti sirni itti gaafatamummaa cimee hojiirra ooluu qaba.Wabiilee Heera Mootummaa Ripaablika Dimokiratawaa Federalawaa Itiyoophiyaa, Nagarit Gazexaa, Labsi. Lakk.1/1987 Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Ripaablika Federaalawa Itiyoophiyaa , Nagarit Gazexaa Labsi. Lakk.456/1997 Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa, labsii lakk. 130/1999Dambii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk. 151/2005 Labsii Lafa Baadiyyaa Itiyoophiyaa Qabeenya gamtaa Ummata Itiyoophiyaa Taasisuuf Bahe , lab. lakk 31/1967.Yigremew Adal, Rural Land Tenure and Women’s Land Rights in Ethiopia, Ethiopian Business Law Series, (AAU 2009) .Elias N. Stebek, Muradu Abdo, Hailu Burayu, Property Rights Protection and Private Sector Development in Ethiopia, 2013, Addis Ababa.Material on Property Law, By Simeneh Kiros and Muradu Abdo, Octeber 2000.Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration.Getnat Alamu , Rural land policy, Rural transformation and recent trends in large scale rural land accusations in Ethiopia, Yuniversiitii finfinnee .Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration.Yirgaalam Zawdee fa’a fi Asaffuu Zawdee, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 109776, Jildii 18Birruu Kabbadaa fi Abraaham Shukkaa, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 105092, Jildii 18Alamuu Simee fa’a N2 fi Bizunash Simee fa’a N6, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 108335,jildii 19Adunyaa Guutaa fi Bashaadduu Guddataa, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 108106,jildii 18Hussein Jemma, The politics of land tenure in Ethiopian history: Experience from the south, paper presented to XI world congress rural sociology Trondheim Norway, July 24-30Mintewab Bezabih and Stein Holden, The role of land certificate in reducing Gender Gaps in Productivity in Rural Ethiopia, Environment development Discuss papers Series, November, 2010 [1] Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Ripaablika Federaalawa Itiyoophiyaa (kana booda labsii 456/1997 jedhamu), Nagarit Gazexaa Labsi. Lakk.456/1997 ( kana booda lab.456/1997 jedhamee caqasamu ), kwt 5 ilaala. [2] Hojii Irra Oolmaa Seera Lafa Magaalaa fi Baadiyyaa Itiyoophiyaa, Wiirtuu Leenjii Ogeessota Qamolee Federaalaa, 2004, Fuula 41[3] Akkuma yaadannoo 2ffaa olii [4] Akkuma yaadannoo 2ffaa olii [5] Birruu Kabbadaa fi Abraaham Shukkaa, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, 105092, Jildii 18, fuula 341[6] Akkuma yaadannoo 2ffaa olii [7] Getnat Alamu , Rural land policy, Rural transformation and recent trends in large scale rural land accusations in Ethiopia, Yuniversiitii finfinnee , fuula 10[8] Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration, fuula 10[9] Yirgaalam Zawdee fa’a fi Asaffuu Zawdee, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, 109776, Jildii 18, fuula 349[10] Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa ( kana booda labsii 130/99 jedhamu), labsii lakk. 130/1999, kwt. 5 [11] Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa ( kana booda labsii 130/99 jedhamu), labsii lakk. 130/1999, kwt. Kwt’n 6/1 fi 9/1/ [12] Seerota kallattii imaammataa mootummaan lafa irratti hordofu ilaalcha keessa galchuun mootummoolee federaalaa fi naannoleen bahanii dha.[13] Labsii 130/97 kwt 5/5[14] Labsii 130/97 kwt’n 6/1 fi 9/1 cum 5/5 [15] Dambii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk. 151/2005 kwt 3/13[16] Labsii 130/97 kwt 5/5 . Akkasumas ; ; Getnat Alamu and Mehrab Malek, Implication of Land Policy for Rural Urban Linkage and Rural transformation in Ethiopia , fuula 8 ilaala.[17] Dambii 151/2005 kwt 3/13/ [18] Labsii 130/97 kwt 9/2 [19] Dambii 151/2005, kwt. 10 /4/ fi /5/ Seera Dhaalaa Mirga Abbaa Qabiyyuummaa Lafa Baadiyyaa Nannoo Oromiyaa: - Seera fi Qabatama Qopheessaan:- Kabbabaw BirhaanuSeensa Dhaalli karaa mirgi abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa ittiin dhaloota irraa dhalootatti darbuu fi argamu kessaa isa tokkoo dha.[1] Waan ta’eef yeroo ammaa kana gama tokkoon mirgi abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa mirga murteessaa fi isa mirgoota biroo qonnaan bulaan keenya qabuuf kan bu’ura ta’e ta’uu isaa irraa kan ka’e, gama biraan immoo hubannoon seera dhaalmaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa bulchu irratti jiru gadi aanaa ta’uu isaan, dhimmi dhaalmaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhimma qonnaan bulaan keenya jiruu isaa dhiisee manneen murtii jalaatii kaasee hanga oliitti qabtee naanna’uu fi ifaaju erga ta’ee oolee bulee jira. Addaa addummaan ejjannoo dhimma kana irratti ogeessota seeraa qaamolee haqaa keenya biraa calaqqisuu fi murteewwan manneen murtii sadarkaa gara garaa irra jiraniin kennamus mata duree marii ol aanaa ta’eera. Kun immoo kallattiin ykn alkallattiin qulqullina tajaajila haqaa kenninu, fi mirgaa fi jiruu hawaasa bal’aa qonnaa bulaa keenya faana wal qabata. Waan ta’eef dhimmi kun dhimma ijoo kallattiin fuurmaataa sirrii ta’e kaawwamuufi qabuu dha. Barreeffamni gabaabduun kun kaayyoo walii galaa kana kan qabatte yoo ta’u, Ijoowwan dubbii filannoo seera dhimma dhaalmaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa bulchuu, eenyummaa nama mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaaluf mirga qabuu, fi rakkoowwan qabatamaa dhimmichaan walqabatee calaqqisaa jiruu adda baasuun erga xiinxaltee booda yaada guduunfaa fi kallattii furmaataa kan keessu ta’a. Seera Dhimmicha Bulchu Lafti qabeenya addaa ta’uu isaa irraa kan ka’e kallattii imaammataa mataa isaa kan qabu fi kanas galmaan gahuuf seeronni addatti kan bahaniifi jiruu dha.[2] Waan ta’eef dhaalli mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa akka sirna dhaalmaa qabeenyota kanneen biroo sirnaa fi tartiiba dhaalmaa seera dhaalmaa walii gala seera hariiroo hawaasaa keessa jiruun kan raawwatamu osoo hin taane bu’ura seerota lafa bulchuuf mootummaa federaalaa fi naannoo keenyaan kallattii imaammataa mootummaan lafa irratti hordofu irraa ka’anii bahaniitiin.[3] Kunis dhimmi dhaalaa mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa kallattii imaammataa fi seera addaa mataa isaa danda’e hordofuu dha. Waan ta’eef sirna dhaalaa qabeenya kanneen biroo seera hariiroo hawaasaa bulchuu jarraa tokkoo fi walakkaa dura baheen bulu irraa adda addummaa qaba. Kun ilaalcha keessa galuu qaba.[4]Bu’uruma kanaan seerri dhimma kana bulchu qajeeltoowwanii fi tumaalee seeraa heera fi seerota addaa dhimma lafaa bulchuuf mootummoota nannoleen fi federaalan bahan keessaa kan sadarkaa calqabaatti filamuu dha.[5] Gara seera hariiroo hawaasatti kan deemmamu dhimmichi ifatti seera addaa dhimma lafaa bulchuun kan hin haguuggamne yoo ta’ee dha. Gaafa akka kanaa kanas yoo ta’e tumaalee seera hariiroo hawaasaa dhimmichaaf filatame kana haala qajeeltoo heerichaa fi kallattii imaammataa mootummaan dhimma lafaa irratti hordofuun walitti hin buuneen hojiitti hiikkamuu qaba. [6]Eenyutu Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Baadiyyaa Dhaalaan Argachuuf Mirga Qaba? Dhimma dhaala mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaan wal qabatee dhimmi ijoon eenyuma namoota mirga kana dhaalan argachuuf mirga qabanii adda baasuti. Kana ilaalchisee barreessan Geetnat Alamuu namni tokko dhaalaan mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa argachuuf jiraataa ganda qonnaan bulaa lafti keessa jiruu fi qonnaan bulaa ta’uun ulaagaa dha jedheera.[7] Haaluma wal fakkaatuun barreessitootni Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe fi Michael Roth[8] jedhaman bu’ura seera amma jiruun mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaaluuf miseensa maatii qonnaan bulaa fi jiraataa ganda sanaa ta’uun akka ulaagaa ta’e haala ifa ta’een ibsanii jiru.Haaluma wal fakkaatuun aangoo hikkoo seeraa manneen murtii biroon hordofamu kunnuu kan qabu dhaddachi ijibaata federaalaa, namni tokko mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaalan argachuuf miseensa maatii ta’uun qofti gahaa akka hin taanee fi sanaan dabalata qonnaan bulaa, jiraataa ganda baadiyyaa lafti falmii keese keessa jiruu fi galii qabiyyee kana irraa argamuun kan bulu ta’uu akka qabu murteessee jira.[9] Seera rogummaa qabus yoo ilaalla ta’e, seerri sadarkaa calqabaatti dhimma kanaaf rogummaa qabu labsiin bulchiinsa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa bulchuuf mootummaa federaalaan bahe labsiin lakk. 456/1997 kwt 8 jalatti mirgi abbaa qabiyyummaa dhaalan darbuu akka danda’u ifatti kan tume ta’uu irra darbee innumti kun seerota lafa baadiyyaa bulchan kanneen naannoo keenyan bahanii hojiirra jiraniin fudhatama argateera.[10]Bu’uruma kanaan labsiin[11] kun namni miraga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa qabu tokko haalli inni mirga isaatti fayyadamu keessaa tokko miseensa maatii ofii akkaataa seera dhaalmaatiin[12] mirga dhaalmaa qabniin dhaalchisuu akka ta’e kwt. 6(1) fi 9(1) jalatti tumameera. Kana waan ta’eef, abbaan qabiyyee mirga qabiyyee lafa baadiyyaa isaa miseensa maatii isaa akkaataa seera dhaalmaatiin mirga dhaalmaa qabniin dhaalchisuuf mirga qaba. Gama biraan immoo qonnan bulaan, horsiisee bulaan ykn gamis horsiise bulaan mirga abbaa qabiyyummaa maatii isaa irraa dhaalan argachuuf mirga qaba. [13] Kana jechuun qonnaan bulaan mirga abbaa qabiyyummaa qabu miseensa maatii isaa akkaataa seera dhaalmaatiin mirga dhaalmaa qabniin qabiyyee lafa isaa dhaalchisuuf mirga qaba; qonnaan bulaan immoo mirga abbaa qabiyyummaa dhaalan matii isaarra argachuuf mirga qaba.[14] Kana waan ta’eef miseensi maatii qonnaan bulaa keessa isaan qonnaan bulaa, horsiisee bulaa ykn gamis horsiise bulaa ta’an dhaalan maatii isaanii irraa lafa argachuu danda’u. Rakkoowwan Qabatama Hojii Keessatti Mul’atan Dhimmi dhaalmaa mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa qabatama hojii keessatti iddoo rakkoon irratti calaqqisu keessaa isa duraati. Ijoowwan dubbii rakkoon irratti calaqqisan kanneen akka itti aanu kanatti gabaabbinaan haa ilaallu. Iddoo rakkoon akka kanaa kun itti calqisu keessaa tokko isa ‘mirga durasaa’n wal qabatuu dha. Labsichi dhaaltoota qabiyyee lafa sanarraa argamuun bulaniif, ykn galii biraa hin qabneef dursi mirga dhaalmaa akka kennamuufii qabu kwt 9/2 jalatti ibseera. Labsichi ‘mirga durasaa’ kan jedhu maal jechuu akka ta’e hiikoo kan itti kenne ta’uu baatus ibsa kwt 9/2 fi damb[15] kwt.3/13 jaltti kennameef irraa ka’uun namni tokko mirga dursaan qaba jedhee dhaaltota kaan dhaala keessaa hambisuuf dhimmoota itti aanan kana agarsiisuu danda’uu qaba. Isaanis :-Jalqaba miseensa maatii qabiyyee lafa baadiyyaa dhaalaan argachuuf seeraan kaa’aman keessaa tokko ta’uu qaba. Miseensi maatii dhaalan lafa argachuu danda’a jedhee seerri kaa’e immoo qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi/ykn gamis horsiisee bulaa qofa.[16] Ofii isaatii/ishiiti galii qabiyyee lafa sanarraa argamuun kan bulan yookiin galii biraa kan hin qabne ta’uun isaa ragaa Mana Maree Bulchiinsa Gandaatiin mirkanaa’ee dhiyeeffachuu akka qabuu[17] fi Dhaaltonni kuun galii lafa sana irraa argamuun ala madda galii biraa kan qaban ta’uu agarsiisuf dirqama kan qabu ta’uu isaati (jireenyi isaanii galii lafa sanirraa argamurratti kan hundaahe ta’uu dhabuu) [18]Haa ta’uutii garuu mirgi dursaa kun hanga kamitti kennama dhimma jedhuuf labsiin bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo keenyaa wanti inni jedhu kan hin jirre tu’uu irraa kan ka’e kanaan dura dhimmi kun haala kamiin raawwatama waan jedhu irratti ijjannoon adda addaa kan ture ta’u illee dambiin labsicha raawwachiisuuf bahe dambii 151/2005 kwt’n 10/10 akkaataa labsii 130/97 kwt keewwata 9 keewwata xiqqaa 2 jalatti tumameen qabiyyicha namoota mirga dhaalaatiin dursa qabaniif gaheen nama tokkoo lafa midhaanii heektaara tokko, lafa jallisii heektaara 0.25 fi qabeenya dhaabbataa heektaara 0.25 kan hin caalle kennameefii kan hafu irratti miseensa maatii biraa waliin mirgi dhaalaa ni eeggamaaf jechuun fala itti kenneera. Akka walii galaatti dhaalaan qabiyyee lafa baadiyyaa argachuuf miseensa matii ta’uun dabalata qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, ykn gamis horsiisee bulaa ta’uun dirqama; dhimmi dursaas kan ka’u qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, ykn gamis horsiisee bulaa galii biraa qabuu fi hin qabne jidduutti kan raawwatamuu ta’uu isaati. Gama biraan seerichi mirga qabeenya dhaabbataa kan akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru dhaaluu dhaaltota bu’ura tumaalee seera hariiroo hawaasaa qabeenya biroo kam iyyuu dhaaluf kaawwamanii filataman hundaa fi nama biroo sababa dhabbiin galii qabiyye lafa abbaa qabiyyee irraa argamuun abbaa qabiyyee faana jiraateef dhaalaa qabiyyee lafaa ta’eef akka hayyametu hubatama. Ta’us dhaaltoota kanneen keessaa kan qabiyyee lafa baadiyyaa dhaaluuf mirga hin qabne garuu qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan dhaaluuf mirga qabu kun qabeenya dhaale kana oomisha qabeenya irraa argamu oomisha waggaa 3 namoota dursa dhaalaa qabiyyee lafaa qaban waliin baasii barbaachisaa ta’e danda’uun oomisha yookiin galii qoodachuu ni danda’a; oomisha waggaa 3 booda mirgi lafichaa fi oomisha qabeenya dhaabbataatti fayyadamu kan nama mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa dhaaluuf dursa qabu ta’a.[19]Ijoon biroo asitti dabalataan ka’uu malu namni biroo sababa dhabbiin galii lafa irraa argamuun abbaa qabiyyee faana jiraateef dhaalaa qabiyyee lafaa ta’ee qabeenya biroo kan qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru hin taane dhaaltota biroo faana dhaaluuf mirga ni qabaayii dhimma jedhuu dha. Kana ilaalchisee tumaalee seera dhimma lafaa ilaalatan kam irraayyuu wanti hubatamu hin jiru. Gama biraan namni abbaa qabeenyaa ta’e qabeenya isaa dhaaltota isaa akka seera hariiroo hawaasaa dhimma dhaalaa akka walii galaatti ilaallatuun dhaaltota jedhamanii filatamaniif mirga dhaalchisuu akka qabu seerri ifatti kaa’ee akka jiru ragaa lakkaa’u hin barbaachisu. Waan ta’eef namni biroo abbaa qabiyyee faana dhaabbiin waan qabiyyee lafichaa irraa argamuun fayyadamaa sababa jiraateef bu’ura seera lafa baadiyyaa federaalanis ta’ee nannoo keenyaan miseensa maatii ta’ee qabiyyee lafaa dhaalu kun mirgi dhaalmaa isaa qabiyyee lafaa fi qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru irratti kan daangahee dha.Kaayyoon tumaa seera kanaa lafti qabeenyaa mootummaa waan ta’eef, namootni mirga abbaa qabiyyee isaaniitti gar malee fayyadamuun lafa akka qabeenya dhuunfaatti akka hin dabarsine dhorkuu dha.Keessattuu, lafti harka lafa jalaan akka hin gurgura mne gochuuf hiikkaa miseensa maatii dhiphisuun barbaachisaa dha. Omshitummaa lafaa ol kaasuun immoo kaayyo isa birooti. Lafti jireenya qotee bulaaf murtessaa waan ta’eef harka isaa keessaa akka hin baane dhorkuu dha.[20]


Yaada Guduunfaa fi Furmaataa


Lafti qabeenya ummamaa murteessaa fi qabeenya biroo illee horachuuf isa bu’uraa ta’ee dha. Sirnaa fi sochii diinagdee kamiiyyuu keessatti taanaan dhimmi lafaa dhimma ijoo fi akkaataan argannaas ta’ee bulchiinsa mirga qabeenya kana irratti horatamuu dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaaduu dha. Lafti sanuma ta’uu ishee fi yeroo irraa yerootti kan hin daballe ta’uu isaan walitti dabalamee qabeenyi kun qabeenya mi’aawaa akka ta’u taasiseera. Amaloota bu’uraa qabeenya kanaa haala ilaalcha keessa galcheen fi kayyoo imaammata lafa biyyattii qabeenya lafaa haala bu’aa qabeessaa, itti fufiinsa qabuu fi lammiilee hundi sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’an taasisuu galmaan gahuu danda’aniin haalli argannaa lafa baadiyyaa nannoo keenyaa seeran bulee argama.Bu’uruma kanaan karaan mirgi abbaa qabiyyee lafa badiyyaa naannoo oromiyaa ittiin argamu keessaa tokko maatii ofii irraa dhaalaani dha. Dhaalaan mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa kan argachuu danda’u immoo miseensa maatii qonnaan bulaa qonnaan bulaa ta’ee dha. Qonnaan bulaan lamaa fi sanaa ol gaafa dhaalaaf dhiyaatan isa galii biraa hin qabnee fi dhaabbiin abbaa qabiyyee faana jiraatuuf hanga hektaara tokkootti dursi mirga dhaalmaa kennameefii ti kan hafe warra kaan faana kan qixa hiratu. Qabatamaa hojii lafa irraa jiruun garuu haala itti namni bu’ura seeraan dhaalan mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa argachuu hin dandeenye lafa itti argatutu mul’ata. Kan mirga kana immoo argachuu malu yoo dhabutu mul’ata. Kun immoo qonnaan bulaa keenya mirga isaa dhabsiisaa fi dhamaatii hin malleef saaxilaa jira.Kun immoo qajeeltoo bu’uraa Heerri biyyattii fi Imaammata mootummaan kaa’ame akka hojiirraa oolaa hin jirre namati agrsiisa. Seerri qajeeltoo kanas hojiitti hikuuf dandeessisu jiraatu illee kallattii yaadameen hiikkamee hojiirra oolaa akka hin jire namatti agarsiisa. Waan ta’eef rakkoo kana furuuf mootummaa dhimma kana irratti haala ulfina isaan wal madaaluun hubannoon bal’ina qabu bifa leenjiin ykn mijataa ta’e kan biroo kanneen akka midiyaan abbaa mirgaaf, rawwattoota fi mudamtoota mootummaa dhimma kana bulchaniif kennamuu qaba. Kana qofa osoo hin taane dhimmi qabeenya lafaa bulchuu dhimma murteessaa fi hubannoo seeraa gad fageenya qabu gaafatuu dha. Waan ta’eef muudamtoonnii fi raawwatoonni dhimma kana bulchanii fi seerota qabeenya lafaan wal qabtu hojiitti hiikan ogeessota seeraa ta’uu qabu.Kanaan maddiitti sirni itti gaafatamummaa cimee hojiirra ooluu qaba.


Wabiilee


Heera Mootummaa Ripaablika Dimokiratawaa Federalawaa Itiyoophiyaa, Nagarit Gazexaa, Labsi. Lakk.1/1987 Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Ripaablika Federaalawa Itiyoophiyaa , Nagarit Gazexaa Labsi. Lakk.456/1997 Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa, labsii lakk. 130/1999Dambii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk. 151/2005 Labsii Lafa Baadiyyaa Itiyoophiyaa Qabeenya gamtaa Ummata Itiyoophiyaa Taasisuuf Bahe , lab. lakk 31/1967.Yigremew Adal, Rural Land Tenure and Women’s Land Rights in Ethiopia, Ethiopian Business Law Series, (AAU 2009) .Elias N. Stebek, Muradu Abdo, Hailu Burayu, Property Rights Protection and Private Sector Development in Ethiopia, 2013, Addis Ababa.Material on Property Law, By Simeneh Kiros and Muradu Abdo, Octeber 2000.Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration.Getnat Alamu , Rural land policy, Rural transformation and recent trends in large scale rural land accusations in Ethiopia, Yuniversiitii finfinnee .Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration.Yirgaalam Zawdee fa’a fi Asaffuu Zawdee, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 109776, Jildii 18Birruu Kabbadaa fi Abraaham Shukkaa, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 105092, Jildii 18Alamuu Simee fa’a N2 fi Bizunash Simee fa’a N6, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 108335,jildii 19Adunyaa Guutaa fi Bashaadduu Guddataa, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, lakk. 108106,jildii 18Hussein Jemma, The politics of land tenure in Ethiopian history: Experience from the south, paper presented to XI world congress rural sociology Trondheim Norway, July 24-30Mintewab Bezabih and Stein Holden, The role of land certificate in reducing Gender Gaps in Productivity in Rural Ethiopia, Environment development Discuss papers Series, November, 2010 [1] Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Ripaablika Federaalawa Itiyoophiyaa (kana booda labsii 456/1997 jedhamu), Nagarit Gazexaa Labsi. Lakk.456/1997 ( kana booda lab.456/1997 jedhamee caqasamu ), kwt 5 ilaala. [2] Hojii Irra Oolmaa Seera Lafa Magaalaa fi Baadiyyaa Itiyoophiyaa, Wiirtuu Leenjii Ogeessota Qamolee Federaalaa, 2004, Fuula 41[3] Akkuma yaadannoo 2ffaa olii [4] Akkuma yaadannoo 2ffaa olii [5] Birruu Kabbadaa fi Abraaham Shukkaa, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, 105092, Jildii 18, fuula 341[6] Akkuma yaadannoo 2ffaa olii [7] Getnat Alamu , Rural land policy, Rural transformation and recent trends in large scale rural land accusations in Ethiopia, Yuniversiitii finfinnee , fuula 10[8] Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration, fuula 10[9] Yirgaalam Zawdee fa’a fi Asaffuu Zawdee, Murtee dhaddacha Ijibaataa Federaalaa, 109776, Jildii 18, fuula 349[10] Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa ( kana booda labsii 130/99 jedhamu), labsii lakk. 130/1999, kwt. 5 [11] Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa ( kana booda labsii 130/99 jedhamu), labsii lakk. 130/1999, kwt. Kwt’n 6/1 fi 9/1/ [12] Seerota kallattii imaammataa mootummaan lafa irratti hordofu ilaalcha keessa galchuun mootummoolee federaalaa fi naannoleen bahanii dha.[13] Labsii 130/97 kwt 5/5[14] Labsii 130/97 kwt’n 6/1 fi 9/1 cum 5/5 [15] Dambii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk. 151/2005 kwt 3/13[16] Labsii 130/97 kwt 5/5 . Akkasumas ; ; Getnat Alamu and Mehrab Malek, Implication of Land Policy for Rural Urban Linkage and Rural transformation in Ethiopia , fuula 8 ilaala.[17] Dambii 151/2005 kwt 3/13/ [18] Labsii 130/97 kwt 9/2 [19] Dambii 151/2005, kwt. 10 /4/ fi /5/

 

Addis Ababa, Ethiopia

©2017 by Law of the Land. Proudly created with Wix.com

bottom of page