top of page

Akkaataa Argannaa Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa: Seeraa fi Qabatama

Akkaataa Argannaa Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa: Seeraa fi Qabatama

Seensa


Lafti baadiyaa Itiyoophiyaa qabeenya gamtaa ummata biyyattii erga ta’e waggoottan dheeraan lakkaa’amaniiru.[1] Kana jechuun qabeenyi kun hin gurguramu hin jijjiirramu; mirgi abbaa qabeenyummaa isaas haala kamiinuu qaama sadaffaa birootti darbuu hin danda’u jechuu dha.[2]


Haa ta’uutii garuu mirgoonni qabeenya kana irratti horatamuu danda’an kanneen biiroo fakkeenyuma kaasuuf mirgi abbaa qabiyyummaa fi itti fayyadama lafa badiyyaa haalli itti qaama biroof darbuu danda’an akka jiru Heera Mootummaa Ripaablika Dimokiraatawa Federaalawa Itiyoophiyaa fi seerota qajeeltoo Heerichaan lafa kaawwaman raawwachiisuf bahan kanneen biroo irraa hubachuun ni danda’ama.[3] Kana waan ta’eef biyya keenyatti mirgi guddaan namni dhuunfaa lafa baadiyyaa irratti argachuu danda’u mirga abbaa qabiyyuummaa lafa baadiyyaati.[4]


Mirga kana qotee bulaan, horsiisee bulaan, gamis horsiisee bulaan abbaan qabeenyaa, namni dhuunfaan, dhabbanni mootummaa, dhabbanni miti mootummaa fi kanneen kana fakkaatan akka akka isaatti argachuu ni danda’u.[5]


Lafti qabeenya uummamaa murteessaa fi qabeenya kanneen biroo illee horachuuf bu’uura ta’uu isaa irraa kan ka’e, dhimmi mirga qabeenyaa lafa irratti horachuu fi akkaataa mirgi kun karaa seera qabeessa ta’een itti horatamu adda baasuun beekuun hawaasa akka biyya keenyaa jiruu fi jireenyi ummata bal’aa qonna irratti hundaa’e fi qonni lafee dugdaa (back bone) dinagdee biyyaa ta’e kanaatti dhimma murteessaa dha.[6]


Ta’us dhimma kana irratti hanga yoonaa barreeffamni seera jiru sirnaan sakatta’ee kaa’u, afaan abbaa mirgaa mirga kanaan salphaatti hubatamuun barraa’e hin jiru. Gama biroon akkaataa argannaa qabiyyee lafa baadiyyaa irratti hojmaanni lafa irra jiru iddoo irraa iddootti addaa addummaa kan qabuu fi yeroo tokko tokko immoo seera irraa kan maqee dha. Rakkoo kanas haalaan agarsiisuun furmaata isaa faana barreeffamni kaa’u, kan hanga yoonaa barraa’e hin jiru.


Waan ta’eef barreeffamni gabaabduun ammaa tun qaawwa kana guutuu haala dandeessun kan qophoofte yoo ta’u, akkataa argannaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa badiyyaa qonnaan bulaa Naannoo Oromiyaan dhimmoota wal qabtan qofa irratti kan xiyyeeffattee dha.


Kanaaf akka tolu barreeffamichi kutaa saditti hiramee kan diyaate yoo ta’u, kutaa tokkoffaa jalatti akkaataa itti qonnaan bulaan Naannoo Oromiyaa qabiyye lafa baadiyyaa seera qabeessa ta’e mootummaa irraa hirtaadhaan, matii isaa irraa immoo dhaalaa fi kennaan itti argachuu danda’u itti xiinxalameera. Kutaa lammaffaan wa’ee carraa qabiyyee lafa baadiyyaa seeraan ala argamee yoo laalatu, kutaa sadaffaan immoo dhimmoota guduunfaa fi yaada furmaataa hammateera. Hundaayyuu tokko tokkoon kaafnee haa ilaallu.



I.Akkaataa Argannaa Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa: Seeraa fi Qabatama


Lafti baadiyyaa Oromiyaa akkuma lafa badiyyaa biyyattii kanneen biroo qabeenya gamtaa ummataa fi mootummaa Itiyoophiyaa ta’uu isaa asii olitti ilaallameera. Mirgi abbaa qabeenyummaa qabeenya kanaa kan ummataa fi mootummaa biyyattii haa ta’u malee qonnaan bulaan ykn namni qonnaan buluuf fedha qabu kan ummuriin isaa waggaa 18 ol ta’e lafa baadiyyaa hojii qonnaaf bilisaan mootummaa irraa, ykn kennaa fi dhaalan maatii isaa irraa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa argachuu danda’a. Akkaataalee argannaa mirga abbaa qabiyyummaa lafaa kana haala ittiin qabatamaan hojii irra oolaa jiru faana kuta kana jalatti akkaa itti aanu kanatti xiinxalamaniiru.


1.Mootummaa Irraa


Lafti qabeenya mootummaa fi ummataa qabeenyota biroo kaan illee horchuuf isa bu’uraa fi murteessaa ta’ee dha.[7] Biyya keenyatti immoo qabeenyi kun akkaataa murteessummaa isaatiin walmadaaluu danda’uun haala bu’aa qabeessaa fi itti fufiinsa qabuun faayidaa fi guddina waliinii ummataaf akka ooluu danda’utti mootummaan bulchuuf dirqama qaba.[8] Mootummaan karaan ittiin dirqama isaa kana bahuu danda’u keessaa tokkoo nama lafa argachuu qabuuf lafa kana kennuudhan akka inni hojii misoomaa keessatti hirmaatu fi kanaanis ofii isaas fayyadee guddina biyyattiifis gumaachu danda’u gochuudhan.

Bu’uruma kanaan mootummaan qotee bulaa, horsiisee bulaa fi gamis horsiisee bulaaf lafa baadiyyaa hojii qonnaaf isaan barbaachisu bilisaan kennuuf dirqama qaba.[9] Haaluma wal fakkaatuun abbaan qabeenyaa lafa baadiyyaa hojii misoomaaf barbaadu, dhabbileen mootummaa, miti mootummaa, fi amantaa lafa baadiyyaa mootummaa irraa akka akka isaati haala mirga saboonni sablammoonnii fi ummatoonni biyyattii lafa irratti qabanitti hin buuneen lafa baadiyyaa mirga argachuu ni qabu.[10]


Asitti wanti jala muramee ilaallamuu qabu qabiyyeen lafa baadiyyaa mootummaa irraa argameera jechuuf qabiyyichi qaama mootummaa, angoo qabu irraa, karaa seera qabeessa ta’een, yoo argame qofa ta’uu isaati dha. Waan ta’eef qabiyyeen lafaa tokko mootummaa irraa argameera jechuuf qabiyyicha kan kenne qaama mootummaa ta’uu qaba. Qaamni kun immoo kan aangoo qabu ta’uu qaba. Dabalataan qaamni aangoo qabu kun qabiyyicha kana kan kenne adeemsa seera qabeessa ta’een ulaagaa seerichi kaa’u hunda guutee ta’uu qaba.[11]


Sirna seeraa Naannoo keenya bu’ura godhachuun karaaleen qabiyyeen lafa baadiyyaa mootummaarraa itti argamuu danda’u iddoo gurguddoo sadiin qooddamuu danda’a. Isaaniis Hirtaa (Kenna) Mootummaa, Qabiyyee Lafaa Qabiyyee Dhaalameef Bakka bu’e, fi Darbiinsa Yerooti. Sirna seerri akkaataa arganna qabiyyee lafaa kanaaf kaa’ee fi rawwii lafa irra jiru tokko tokkoon itti aansinee haa ilaallu.


A.Hirtaa (Kenna) Mootummaa


Hirtaan akkaataa ittiin qonnaan bulaan yookiin qotee buluuf namni fedha qabu fi ummuriin isaa waggaa 18 fi sanaa ol ta’e qabiyyee lafa baadiyyaa mootummaa irraa bilisaan itti argatuu dha. Akkaataan argannaa qabiyyee lafaa kun sirna mataa isaa qaba. Bu’uruma kanaan qonnaan bulaan yookiin qotee buluuf namni fedha qabu fi ummuriin isaa waggaa 18 fi sanaa ol ta’e ganda itti jiraatu keessaa lafa baadiyyaa argachuuf iyyata qabiyyeen lafaa naaf haa kennamuu bulchiinsa gandaatti dhiyeeffachuu danda’a. [12]


Bulchiinsi gandichaas iyyataan kun jiraataa ganda sanaa ta’uu mirkaneessee lafti lafa jiru yoo jiraate bu’ura seeraan kennaaf; yoo ganda keessa jiraatan keessa lafti jiraachuu baate immoo dhuunfaadhaan yookiin gurmaa’anii Ganda, Aanaa yookiin Godiina lafti itti argamu keessatti lafa argachuu ni danda’u. Lafti ganduma namoonni lafa gaafatan keessa jiraatan keessa kan jiru yoo ta’e, bulchiinsi gandaa namoota lafa argachuuf iyyata dhiyeeffatanii galmaa’aniif lafti namaan hin qabamnee fi misooma adda addaaf ooluu danda’u jiraachuu isaa ragaa Wajjira Bulchiinsa Lafaa fi Eegumsa Naannoo Aanaaf ni erga. Waajjirri kun namoota gaaffii qabiyyeen lafaa naaf haa kennamuu dhiyeessanii fi lafa qoratamee qophaa’e Mana Maree Bulchiinsa Aanaatiif dhiyeessee yoo hayyamame waraqaa ragaa waliin lafa ni kennaaf.[13] Kana waan ta’eef adeemsa kanaan ala deemuun lafa kennuun fi fudhachuun adeemsa seeraan alaati.[14]Itti gaafatamummaa bulchiinsaa, yakkaa fi siivilii hordofsiisuus danda’a.[15]


Qabatama hojii lafa irra jiru garuu yoo laalle qaawwi bal’aan akka jiru hubachuuf fagoo deemuun nama waan barbaachisuu miti. Galmee qabtamaa manneen murtii naannoo keenyan ilaallamanii murtii argatan ilaaluun gahaa dha. Fakkeenyuma fudhannee ilaaluuf dhimmi kun dhimma manni murtii Aanaa Ginbichuu galmee lakkoofsa 18821 ta’e irratti ilaalee gaafa 08/08/07 murteesse dha. Akka galmee kana irraa hubatamutti himattuun Addee Ayyaluu Abbabaa himata Mana Murtichaatti dhiyeeffatteen himatamaan Obboo Bojaa Abbabaa qabiyyee lafaa abbaa koo Obboo Abbabaa Gammadaa irraa dhaalaan Manumti Murtii Aanaa Ginbichuu lakkoofsa galmee 15052 irratti naaf murteessee argadhee fi Bulchiinsi Gandaa Adaaddii Goolee raawwiin na harkaan gahee ture ani bara 2006 wali galtee afaaniin himatamaaf qotee oomisha laficha irraa argamu naaf hiru itti kennu illee omisha kana gahee koos na dhoowwateera; qabiyyee koos akka naaf deebisu gaafadhee na dideera; bulchiinsa gandaatti iyyadhee barreeffama bu’aa araaraa galmeen wal qabsiisee himadheera waan ta’eef himatamaan dhiyaatee qabiyyee seeran ala na jalaa qabate gad naaf haa lakkisu jettee himatte. Kanaafis raga namaa , murtee mana murtiin lafa akka dhaaltuu fi akka raawwatamuuf jedhu fi kan raawwatame ta’uu agarsiisu dhiyeeffatteetti.


Himatamaan gama isaan lafti kun maqaa koon galmaahee gibiras itti gabbaraan jira. Mootummaatu naaf kenne jira jechuun falmeera. Kanaafis ragaa namaa gaafa lafti maqaa isaan shallagamu arganii fi waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa qabiyyeen lafaa kun maqaa isaan akka jiruu fi kan isaa ta’e agarsiisu dhiyeeffateera.

Manni murtichaa ijoon dubbii qabtee ragaa qorate/itti dhagahee lafti maqaa eenyuun galmaaheera? Himatamaan lafa kana kan qabate bara kamii qabee haala kamiin qabate? kanneen jedhanii dha. Bu’uruma kanaan manni murtii “… qabiyyeen kun kan himattuun dhaaltummaan argatte moo? Kan himatamaan seeraan mootummaarraa argatee maqaa isaan gibira itti kanfalaa jiruu dha? kan jedhu akka qabxii ijootti erga qabtee, qabiyyeen kun dura qabiyyee abbaa wal falmitootaa akka ta’e, sana booda wal himatanii himattuudhaaf murtaahee raawwidhaan bara 2005 kan fudhatte fi deebistee himatamaaf waliigaltee afaaniin baruma 2005 hirtaa himatamaatti akka kennite hubateera. Gama biroon ragoonni namaa himatamaan akka ragaa ittisaatti dhiyeeffatee ture lafa kana inni bara 2005 ofirratti kan safarsiifate ta’uu isaa fi raga abbaa qabiyyee akka itti qabu hubateera. Ta’us Manni Murtichaa ragoonni ittisaa himatamaan dhiyeesse daangaa qabiyyee hin ibsu jechuun lafa kana himattuuf akka shh kwt 1149/2 gadi haa lakkisu jedheera.


Dhimma kana irraa akka hubatamutti qabiyyeen lafaa kun kan abbaa wal falmitootati. Himattuun dhimma dhaalaa irratti Murtee Mana Murtiin kenname bu’ura godhattee argattee jirti. Ta’us hirtaan lammata deebistee himatamaatti kennite. Gama biroon immoo himatamaan qabiyyee kana ofitti shalaksiifatee qaama mootummaa irraa ragaa abbaa qabiyyummaa itti fudhateera. Egaa dhimmi ilallamuu qabu namni kun qabiyyee kana karaa seera qabeessa ta’een qaama mootummaa aangoo qabu irraa argateeraayii kan jedhu ta’uu qaba ture. Argateera yoo ta’e jeequmsi inni uume hin jiru. Hin arganne yoo ta’e garuu akkuma Manni Murtii jedhe jeeqeera.


Akkuma ilaallamu qabiyyeen kun kan himattuuti. Sababni isaas qonnaan bulaan tokko mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa takkaayyuu argateera taanaan bu’ura seerri kaa’uun ofii isaatii qabiyyee kana yoo dhiise[16] ykn qabiyyee isaaf kunuunsa barbaachisaa taasisuu didee yoo irraa fudhatame[17] ykn mootummaan yoo dhaalame[18] ykn darbiinsa yeroon yoo dhabe[19] malee akkaatan itti inni mirga isaa dhabu hin jiru. Dhimma ammaa kana irratti immoo qonnaan bultuun kun qabiyyee ishee kana karaalee seerri kaa’u kanneeniin irraa hin fudhatamne. Waan ta’eef qabiyyee lafaa ishee kan abbaa qabu irratti waraqaan ragaa bahe himatamaaf kenname. Seerri kan jedhu garuu mootummaan lafa abbaa hin qabne namaa kenna dha. Kanaaf adeemsi deemmame fallaa seeraati.[20]


Akkasumas namni mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa kan argatu bulchiinsa gandaatti jalqaba iyyatee jiraataa gandichaa ta’uun isaa mirkanaa’ee, lafti namaan hin qabamnee fi misooma adda addaaf ooluu danda’u jiraachuu isaa adda bahee Wajjira Bulchiinsa Lafaa fi Eegumsa Naannoo Aanaaf erga ergameen booda dhimmichi Mana Maree Bulchiinsa Aanaatti dhiyeetee yoo hayyamame dha kan waraqaa ragaa waliin qabiyyeen lafaa kennamuuf.[21] Dhimma qabatamaa kana irraa garuu kan hubatamu adeemsi seerri seera qabeessummaa kenna lafaa qaama mootummaan taasifamuu fi mirgi abbaa qabiyyummaa qonnaan bulaa seeran ala akka hin sarbamneef kaa’e hunda isaa keessa hin darbine waan ta’eef adeemsa qonnaan bulaa qabiyyee isaa irraa seeran ala buqqisuu dha.


Dhimmi kun immoo dhimma Manni Murtii Godiina Shawaa Bahaa galmee lakkoofsa 40887 ta’e irratti gaafa 25/08/07 ilaalee murteessee dha. Dhimmi kunis jalqaba ol iyyataan ammaa, deebii kennaa jalaa kan ta’e Obboo Dagoo Dabalee himattootani jalaa, deebii kennittoota ammaa kan ta’an lafa bara dargii keessa abbaa koof kenname na jalaa seeran ala qabatanii jiru waan ta’eef gad naaf haa lakkisan jedhee iyyata bulchiinsa ganda Dalgalaalaa Jiddaatti galfatee dhimmi isaa jaarsan akka laallamu ta’ee jaarsis laalee lafti kun bara dargii qabee hanga 2001’tti kan abbaa deebii kennaa jalaa akka ta’ee fi himattoonni jalaa seeraan ala bara 2001 akkaataa hin beekkamneen kan qabatan ta’uu murteessee akka gad lakkisaniif jedhe. Himattootniis deebii kennaan jalaa lafa keenya gad haa lakkisan jedhee gandatti nu himatee jaarsi araaraa haala mirga keenya miidhuun waan murteesseef akka nurraa ka’u jedhanii mana murtii aanaa Liibaan Cuqqaalatti himatan. Himatamaanis deebii isaan lafti kun kan abbaan koo bara dargii keessa argate fi innis erga du’ee ani itti darbee fayyadamaa osoon jiruu bara 2001 keessa yakka raawwadhee gaafan hidhamu haala ani hin beekneen na jalaa qabatanii dha jedhee nagahee gibira bara 2000- 2005 fi bu’aa araaraa faana dhiyeeffate.


Kana boodaas manni murtii aanaa Liibaan Cuqqaalaa ragaa bitaa fi mirgaa dhagahee , waajjira bulchiinsa lafaa fi eegumsa nannoo irraayis waa’ee lafa kanaa gaafatee lafti falmiif sababa ta’e kun bara 2001 dura kan uummataa ta’uu fi bara 2001’tti gandi deebii kennitoota ammaatiif kenneefidha waan ta’eef qabiyyee isaan mootummaa irraa argataniidha waan ta’eef jarsoliin kan jedhan sirrii miti jedhee murteesseera.


Ol-iyyataan ol iyyata Mana Murtii Ol-aanaa Shawaa Bahaaf gaafa 24/7/2007 barreessee dhiyeeffateen ragaan koo lafti kun bara dargii qabee kan abbaa kootii ta’uu osoo ibsuu, ragaan Wajjira Lafaa fi Eegumsa Naannoo irraa argame immoo ani bakkan hin jirretti fi ani yaada homaa osoo itti hin kenniin mana murtiin fudhatamuun natti murtaa’uun isaa sirrii miti jedhee komate.


Manni murtii ol aanaa Godiina Shawaa Bahaas dhimmicha dhiyeessisee gaafa wal falmisiisu ol iyyataan lafa duraan kan abbaa koo ture, erga inni du’ee ani itti darbe bara 2001 keessa seeran natti murtaa’ee mana amala sirreessaa yoon seenu seeran ala deebii kennitoonni najalaa qabataniiru ; ragaan koos ni agarsiisa waan ta’eef naaf haa gadlakkisan jedha. Deebii kennitoonni gama isaaniin lafa jedhu harkaa qabaachuun keenya sirrii dha. Garuu kan keenya. Bara 2001 lafa dhabeeyyii waan taaneef mootummaan lafa abbaa hin qabne nuuf kenne waan ta’eef lafti jedhamaa jiru immoo 2001 dura abbaa hin qabu waan ta’eef murtiin jaarsaa Mana Murtii Aanaan ka’uun isaa sirriidha ; murtiin mana murtii jalaa nuuf haa cimu jedhan.


Manni Murti Ol’aanaas dhimmicha ilaalee lafti bara 2001’tti deebii kennitootaaf kennamuu fi hanga ammaattis isaan harka jiraachuu isaa irratti wal hin falmamne. Kan fala argachuu qabu 2001’n dura lafti kun kan ummataati moo kan ol-iyyataati dhimma jedhuu dha jedheera. Bu’ura kanaan koreen hojii raawwachiiftuu bara dargii fi jaarsoliin biyyaa lafti kun bara dargii qabee kan abbaa ol iyyataa ta’uu fi erga abbaan isaa du’een boodas ol’iyyataan itti fayyadamaa akka ture ibsaniiru. Gama biraan jechi ragaa bulchiinsa gandaa fi bulchiinsaa fi nageenya bara 2001 irraa argame irraa kan hubatamu lafti kun kan ummataati jedhamee ol’iyyataa irraa fudhatamee deebi keennitootaaf kennamuu isaati.


Kana bu’ura godhachuun manni murtichaa qabiyyeen kun bara 2001 dura kan uummataa osoo hin ta’iin kan nama dhuunfaati;qaamni mootummaa immoo abbaa qabiyyee qabiyyee isaa irraa fudhachuu kan danda’u faayidaa uummataa ol-aanaaf, sanuu beenyaan dursa kanfalameefii, malee nama dhuunfaa kennuufii miti. Kanaaf qaamni mootummaa karaa seera qabeessa ta’een qabiyyee kana hin kennineef waan ta’eef lafa kana gadi haa lakkisan jedhee murtii mana murtii jalaa diiguun murteesseera.


Dhimma kana irraayiis kan hubatamu qaamni mootummaa qajeeltoowwan heera mootummaan mirga abbaa qabiyyummaa qonnaan bulaan lafa baadiyyaa irraatti qabu kaahe akka hojiirra oolchuuf angoon kennameef karaa faallaa heeraa fi seeraan qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisaa akka jiruu fi lafas akka fedhetti kennaa kan jiru ta’uu isaati

Kanaaf dhimmoota olitti dhiyaatan kanneen irraa akka hubachuun danda’amutti haala qabatamaa amma lafa irra jiruun qaamni bulchiinsaa adeemsa seerri kaa’u osoo hin hordofin karaa faallaa seeraa ta’een isa tokkoof yoo qabiyyee lafa badiyyaa kennu, isa biroo immoo qabiyyee isaa irraa yoo buqqisutu mul’ata.


B. Bakka Buusa Lafaan


Karaan inni lammataa mirgi abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa mootummaa irraa ittiin argamu bakka bu’iinsa qabiyyee lafaa faayidaa uummataaf mootummaan fudhatameetiif taasifamu bu’ura godhachuun qabiyyee lafaa argamuu dha. Inni kun akka labsii lafa baadiyyaa naannoo Oromiyaa lakk. 130/1999 keewwata 6(11) fi (12) irraa hubachuun danda’amutti abbaan qabiyyee lafa baadiyyaa qabiyyee seera qabeessa ta’e qabu, mootummaan fayidaa ummataa isa caaluuf akka gadi lakkisu taasifame beenyaan qabeenyaa fi faayidaa abbaan qabiyyee laficharraa dhabe hundaaf kanfalamuu qaba. Hanga danda’amaa ta’etti lafti bakka bu’aan qabiyyee gad-lakkifame wajjin wal-gitus kennamuufii qaba. Haa ta’uutii garuu qaamni mootummaa angoo qabu qabiyyee lafaa walgitu kana bakka buusuuf kan hin dandeenye yoo ta’e beenyaan deebisanii dhaabuu akka kanfalamuufii qabu seeri dhimmicha bulchu ni tuma.[22] Kana jechuun abbaan qabiyyee qabeenya isaa fi jijjiirrama dhaabbataa laficha irratti fideef akkasumas dabalataan lafti yoo jira ta’e qaama bulchiinsaa irraa lafa bakka bu’aa argachuuf mirga qaba.

Lafichi kan hin argamne yoo ta’e garuu, beenyaa deebisanii dhaabuutu kanfalamaaf. Kana waan ta’eef lafti akka kanaa kun kan kennamu lafti yoo jiraatee dha.[23] Qaamni bulchiinsaa angoo qabu laalee akka akka isaatti murteessee lafa kennuu dha. Dhugaa kana barreessaan tokko akka itti aanu kanatti kaa’eera.[24]


This law takes the clear stand that a mere right to hold the land (use right over a tract of land) lost as a result of expropriation is not compensable unless the administration is able and willing to give land in the form of displacement compensation to the affected person.


Kana waan ta’eef qonnaan bulaan qabbiyyeen isaa duuwwaa qabeenyi fi jijjiirramni dhaabbataa homaatuu irra hin jirre faayidaa ummataaf akka gadi lakkisu akeekkachiifame tokko, lafti bakka bu’uuf kan hin jirre yoo ta’e sababa lafti bakkaa buusamaa kun kennamuufii didameef qofa, fakkeenyaf, jeeqameera jedhee gaaffin inni dhiyeessu fudhatama hin qabu.[25]


Haa ta’uutii garuu qabatama hojii keessatti dhimma namni qabiyyeen isaa duuwwaan jalaa faayidaa ummataaf barbaaddameera jedhamee murteen qaama dhimmi ilaallatuun darbee lafti bakka bu’iinsaa osoo hin kennaminiif akka lafa gadi lakkisuuf beeksfamu jeequmsi jira moo hin jiru dhimma jedhu irratti ijjannoo adda addaa lamatu jira.


Ijjannoon inni calqabaa qabiyyee duuwwaanis ta’ee kan qabeenyi fi/ykn jijiirramni dhaabbataan irra jiru fi beenyaan isa kanaaf akkasumas akka akka isaatti abbaa qabiyyee kana deebisanii dhaabuuf kanfalamuu qabu kanfalameefii haa ta’uutii garuu lafti waan hin argamneef bakka bu’uufii hin dandeenye sababa lafti kun bakka hin buunefiif qofa gochi akkeekkachiisu fi qabiyyee gadi dhiisi jechuu qaama angoo qabu jeequmsaa miti kan jedhuu dha. [26]


Abbaa qabiyyeetiif qabeenyaa fi jijjiirrama dhaabbataa lafa irraa qabuuf beenyaan isaa fi kanfaltiin deebisanii dhaabuu durasaan kanfalameefii, abbaa qabiyyee qabeenyaa fi jijjiirrama dhaabbataa lafa irraa hin qabneef kanfaltiin deebisanii dhaabuu durasaan kanfalameefii jennaan lafti waan hin jerreef bakka bu’uufii yoo baate duraayyuu lafti bakkaa buufamu kun hanga jiraatettii dha waan ta’eef qaamni aangoo qabu gaafa lafa akka gadi lakkisu gaafa beeksifamu lafti bakka bu’iinsaa waan hin kennamneef qofa gochi beeksisuu qaama angoo qabu kanaan taasifamu kun akka jeequtti kan lakkaa’amu miti jedhu.[27]


Sababni isaas mootummaan faayidaa uummataaf qabiyyee nama dhuunfaa qabeenya achi irraa abbaan qabiyyee qabuuf, jijjiirrama dhaabbataa inni achi irratti fidee fi basii inni sababa gadilakkisuuf kanfaluufiif beenyaa gahaa kanfalee dhaaluu danda’a. [28] Waan ta’eef hojii seeraan kennameef hojjachaa jiru waan ta’eef jeequmsi isaan uuman hin jiru jedhu.


Ijjannoon inni lammataa dhimma kanaan wal qabtee tarkaanfatu qotee bulaan kan jiraatu qabiyyee lafa isaa irraatti hundaa’eeti. Qabbiyyeen isaa irraa fudhatamee lafti bakkaa osoo hin bu’iniif hambisuu jechuun qonnaan bulaa kana jiruu isa dhoowwuu jechuu dha. Kun immoo heera mootummaa keenya keewwata 44/4 fi labsii beenyaa lakk.455/97 kwt 8 irraayis waan ifatti mul’atuu dha. Bu’ura tumaa heera mootummaa fi seera beenyaa kanaan qonnaan bulaan lafti isaa sababa faayidaa ummataaf jalaa dhaalame beenyaa inni qabeenya isaa lafa irratti horatee fi jijjirrama dhaabbataa qabiyyee isaa irratti fidee kanfalamuu fi kanfaltii deebisanii dhaabuu kanfalamuufin dabalata mirga qabiyyee lafaa qabiyyee isaa duraan wal gitu argachuu qaba. Mootummaan immoo dirqama mirga qonnaan bulaa kanaa kabajee kabchiisii akka tumaa h/m kwt 13’tti irra kaa’ame qaba waan ta’eef lafa bakka buutee kennuufii qaba. Eegaa kana jechuun mootummaan faayidaa ummataaf jedhee qabiyyee qonnaan bulaa kanatti bu’uu kan danda’u dirqamoota isaa kana hanga baheettii dha. Kana hin guunne taanan gochi akeekkachiisuu fi kkf’n qaama mootumman raawwatamu akka jeequmsaatti lallama jedhu.


Haa ta’uutii garuu seerarraa kan hubatamu qonnaan bulaan mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa qabu beenyaan dursa qabeenya inni lafa iraa qabuuf, jijjirrama dhaabbataa inni lafa irratti fidee fi kanfaltiin deebisanii dhaabuu kanfalameefii qabiyyee isaa faayidaa ummataaf yoo barbaaddame gadi lakkisuu akka danda’uu dha.[29] Lafti biroo kan bakka bu’uuf yoo jira ta’ee dha. Lafti baakka bu’u yoo hin jiru ta’e beenyaan deebisanii dhaabuu beenyaa abbaa qabiyyee kanaa qabeenya inni lafa kana iraa qabuu fi jijjirrama dhaabbataa inni laficha irratti fideef kanfalamuufin dabalata kanfalameefii jennaan qaamni aangoo qabu nama kana gadi lakkisi jedhee akeekkachiisee gadi lakkisiisuu danda’a;[30] aangoo seeraan kennameefidha waan ta’eef gocha jeequutii miti. [31]


C.Darbiinsa Yeroon


Karaan inni sadaffaan lafti baadiyyaa mootummaa irraa itti argamuu danda’u murtii qaamni mootummaa erga galmeen himannoo dhimma lafaa darbiinsa yeroon cufameen booda murtii qamni mootummaa angoo qabu dabarsuunii dha. Asi irratti wanti hubatamuu qabu akka dambii bulchiinsa lafa baadiyyaa Oromiyaa lakk. 151/2005 kwt 32’tti lafti baadiyyaa seeran ala qabamte hanga waggaa 12’tti himatamee gadi lakisiifamuu akka danda’amu ifatti kaa’amee jira. Tumaa kana irraa kan hubatamu lafti tun erga qabamtee waggaa 12 ol yoo ta’e himachuun gad lakkisiisuun akka hin danda’amnee dha.[32]


Asi irratti wanti gaaffii ta’uu fi ogeessota qaamolee haqaa nannoo keenyaa wal falmisiisaa jiruu galmeen kun erga mana murtiin darbiinsa yeroon cufameen booda hireen laficha seeraan ala qabamee maal ta’a kan jedhuu dha. Kanaan wal qabtee ijjannoon jiru lama yoo ta’u inni jalqabaa kayyoon darbiinsa yeroo inni guddaan abbaan mirgaa mirga isaa haala si’oominaa fi itti fufiinsa qabuun itti fayyadamuu akka qabu, sana osoo hin taasisin yoo hafe immoo yeroo daanga’e keessatti mirga isaa akka gaafachuu qabu, sana osoo hin taasisin hafee yeroo barbaade akkuma barbaadetti mirga gate kana barbaacha jiruu tasgabaa’ee karaa isaa qabatee deemaa jiru gaafuma yaadate jeequu akka hin qabne akeekkachiisuu dha. [33]


Kana gaafa taasisu qajeeltoon darbiinsa yeroo kun mirga namni qabu dhabsiisa ykn mirga dura hin turre kenna. Waan ta’eef abbaan qabiyyee tokko sababa darbiinsa yerootiin gaafa mirga abbaa qabiyyummaa isaa dhabu inni laficha karaa seeraan alaan qabatee yeroo seeraan kaa’ameef itti fayyadameef immoo mirga abbaa qabiyyummaa argamsiisa ijjannoo jedhuu dha.[34]


Ijjannoon inni lammataa fi barreessaa ammaa kanaanis deeggaramu immoo lafti qabeenya murteessaa haala bu’aa qabeessa fi itti fufiinsa qabuun bifa faayidaa waliinii ummataaf ooluu danda’uun itti fayyadamuu qabnuu dha. Kana akka mirkaneessuuf dirqamni mootummaatti kennameera.[35]Miti qabiyyee seeran ala qabamee galmeen darbiinsa yeroon cufame fi mirgi abbaa qabiyyummaa lafichaa namiifuu hin kennamni, mirgi abbaa qabiyyummaa bifa kamiiiniyyuu argame qaama bulchiinsaa angoo qabu biratti galmaa’ee namicha argadhe jedhuuf mirkanaa’ee kennamu malee ani abbaa qabiyyeeti jechuu hin danda’u. [36]


Ammas taanaan dhimmi lafa kennuu fi kennuu dhiisuu dhimma bulchiinsaati. Waan ta’eef qaamni bulchiinsaa lafa kana nama kanaa hanga hin kenninetti abbaa qabiyyee hin ta’u. Qaamni bulchiinsaa kun immoo ulaagawwan ittiin lafa kennuu fi dhiisu kan akka fakkeenyaaf qabiyyee duraan namichi qabu, galii biraa qabaachuu fi dhiisuu namichaa, gosa lafa namni kun qabtee fi kkf qaba. Kanaaf qabiyyeen kun ulaagaawwan kanneen irratti hundaa’ee yookan namuma lafichi duraan harka jiruuf kennama ykn irraa fudhatamee fayidaa duraan kennaa ture akka kennu ta’a, [37]ykn immoo namni biroo akka fudhatu ykn immoo faayidaa ummataaf akka oolu taasifamuu danda’a.[38]

Akkaataa qabiyyeen lafa baadiyyaa darbiinsa yeroon itti argamun wal qabatee hojii qabatamaa lafa irra jiru seera faana yoo ilaallame hanqinoota bal’aatu mul’ata. Fakkeenyuma fudhachuuf dhimmi kun dhimma Manni Murtii Walii Galaa Oromiyaa galmee lakkoofsa 188041 gaafa 2/4/2007 ilaalee murteessee dha. Dhimma kana irratti deebii kennituun amma himattuun jalaa himanna gaafa 18/6/2006 Mana Murtii Aanaa Haroomayaatti dhiyeessiteen himatamtuu jalaa oliyyattuu ammaaf qabiyyee lafa baadiyyaa koo yeroof akka irraa fayyadamtu bara 2000 kenneefii booda yeroon gaafadhu na kennu didde jechuun himatte.

Himatamtuun jalaas deebii gaafa 3/7/2006 dhiyeeffatteen qabiyyeen duraan kan himattuu ta’uu osoo hin mormin garuu waggaa diigdama (20) na harka turera waan ta’eef darbiinsaa yeroon ni dangefamti jechuun deebii laatte. Manni Murtii Aanichaa gama isaan akkataa Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1677 fi 1845 tiin himatamtuun dachii tana waggaa kudhan(10) haadhaa ishee irraa argattee itti fayyadamaa turuun ishee qajeeltoo darbiinsa yeroon abbaa mirga yoo taatu, himattuun immoo himannaan ishee kufaa ta’a jechuun murteessera.


Dhimmumti kun Mana Murtii Ol’aanaa Godiina Harargee Lixaatiif oliyyannoon dhiyaatee seerrii Manni Murtii Aanaa tuqee rogummaa hin qabu; kennaan jiraachuu isaas hin mirkanoofne jechuun murtii jalaa diigee himatamtuun jalaa qabiyyee gadi haa dhiiftu jechuun murtii laatera. Darbiinsaa yeroo irraatti waan jedhe hin jiru.


Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddachi Bahaa dhimmi kun oliyyannoon dhiyaateef qabiyyeen amma falmii kaase waggaa kudha shanii (15) olii harka oliyyattuu turuun mirkanaa’era waan ta’eef bu’uura Labsii itti Fayyadamaa fi Bulchiinsaa Lafa Baadiyyaa Oromiyaa 151/2005 keewwata 32’tiin darbiinsaa waggaa kudha lama(12) akkuma kana Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 2441 tiin darbiinsi yeroo kennaan naaf haa haqamuu waggaa lama keessatti himannaan hin dhiyaanne waan ta’eef darbiinsa yeroon ni dangeffama jechuun murtii Mana Murtii Olaanaa diige, kan Mana Murtii Aanaa cimseera.


Dhimma kana irraa akka hubachuun danda’amutti ijjannoon Manneen Murtii kanneenii tumaa seeraa dhimma darbiinsa yeroo dubbii lafaa kana irratti raawwii qabu irratti addaa addummaa qabaatan illee darbiinsi yeroo of danda’ee mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa akka argamsiisuu fi dhabsiisuu danda’u itti walii galu. Akkuma olitti kaasuuf yaallame, seera irraa garuu kan hubatamu garuu dhimmi lafa kennuu fi kennuu dhiisuu dhimma bulchiinsaa ta’uu isaati. Waan ta’eef qaamni bulchiinsaa lafa seeraan ala qabamee nama harka ture nama seeraan ala qabatee lafichatti yeroo seeran darbiinsa yeroof kaa’ameef itti fayyadame kanaa hanga hin kenninetti abbaa qabiyyee hin ta’u. Qaamni bulchiinsaa kun immoo ulaagawwan ittiin lafa kennuu fi dhiisu kan akka fakkeenyaaf qabiyyee duraan namichi qabu, galii biraa qabaachuu fi dhiisuu namichaa, gosa lafa namni kun qabtee fi kkf qaba. Kanaaf qabiyyeen kun ulaagaawwan kanneen irratti hundaa’ee yookan namuma lafichi duraan harka jiruuf kennama ykn irraa fudhatamee fayidaa duraan kennaa ture akka kennu ta’a, [39]ykn immoo namni biroo akka fudhatu ykn immoo faayidaa ummataaf akka oolu taasifamuu danda’a.[40]


2.Dhaalaan


Qorannoowwan adda addaa akka agarsiisanitti abbaan qabiyyee lafa baadiyyaa tokko mirga abbaa qabiyyee isaa dhaaltota isaaf dhaalchisuuf mirga yoo qabaate lafa isaa kunnuunsee itti fayyadamuuf, baasi fi humna barbaachisaa ta’e itti dhangalaasee jijjiirrama dhaabbataa laficharratti fiduu fi naannoo isaa sirnaan kunuunsee akka itti fayyadamuuf sababaa fi fedhii guddaa akka horatu taasisa. Haaluma wal fakkaatuun dhaaltonni borii abbaa qabiyyichaa abdii horatanii kunuunsa lafichaafis ta’ee dhimmoota dinagdee fi hawaasummaa biroo irratti maatii isaaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan godha.[41] Dhaloota haaraaf lafti lafa jiru dhibaa dhufuu isaa irraa kan ka’e, dhaalli karaa ittiin lafti duraan ture maatii irraa gara dhaloota haaratti darbu waan ta’eef dhimma seeraan xiyyeeffanoon itti kennamee buluu qabuu dha.


Yaa ta’uutii lafti qabeenya addaa ta’uu isaa irraa kan ka’e kallattii imaammataa mataa isaa kan qabu fi kanas galmaan gahuuf seeronni addatti kan bahaniifi jiruu dha. Waan ta’eef dhaalli lafaa akkuma sirna dhaalmaa qabeenyota kanneen biroo tartiiba sirnaa fi tartiiba dhaalmaa seera dhaalmaa walii gala seera hariiroo hawaasaa keessa jiruun kan raawwatamu osoo hin taane bu’ura seerota lafa bulchuun mootummaa federaalaa fi naannoo keenyaan kallattii imaammataa mootummaan lafa irratti hordofu irraa ka’anii bahaniitiin. Kunis dhimmi dhaalaa mirga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa sirna dhaalaa qabeenya kanneen biro seera hariiroo hawaasaa bulchuuf jarraa tokkoo fi walakkaa dura bahe dhimma dhaalaa lafa badiyyaa kallattii imaammataa mataa isaa danda’e hordofuu irraa adda addummaan qabu dhimma ilaalcha keessa galuu qabuu dha.[42]


Qajeeltoodhuma walii gala kana haala bu’ura godhateen labsiin bulchiinsa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa bulchuuf mootummaa federaalaan bahe labsiin lakk. 456/99 kwt 8 jalatti mirgi abbaa qabiyyummaa dhaalan darbuu akka danda’u ifatti kan tume ta’uu irra darbee innumti kun seerota lafa baadiyyaa bulchan kanneen naannoo keenyan bahanii hojiirra jiraniin fudhatama argateera.[43]


Bu’uruma kanaan labsiin kun namni miraga abbaa qabiyyee lafa baadiyyaa qabu tokko haalli inni mirga isaatti fayyadamu keessaa tokko miseensa maatii ofii akkaataa seera dhaalmaatiin[44] mirga dhaalmaa qabniin dhaalchisuu akka ta’e kwt. 6(1) fi 9(1) jalatti tumameera. Kana waan ta’eef, abbaan qabiyyee mirga qabiyyee isaa miseensa maatii isaa akkaataa seera dhaalmaatiin mirga dhaalmaa qabniin dhaalchisuuf mirga qaba. Gama biraan immoo qonnan bulaan, horsiisee bulaan ykn gamis horsiise bulaan mirga abbaa qabiyyummaa maatii isaa irraa dhaalan argachuuf mirga qaba. [45] Kana jechuun qonnaan bulaan mirga abbaa qabiyyummaa qabu miseensa matii isaa akkaataa seera dhaalmaatiin mirga dhaalmaa qabniin qabiyyee lafa isaa dhaalchisuuf mirga qaba; qonnaan bulaan immoo mirga abbaa qabiyyummaa dhaalan matii isaarra argachuuf mirga qaba.[46] Kana waan ta’eef miseensi maatii qonnaan bulaa keessa isaan qonnaan bulaa, horsiisee bulaa ykn gamis horsiise bulaa ta’an dhaalan maatii isaanii irraa lafa argachuu danda’u.


Dhugaa kana ilaalchisee haayyonni seera lafaa haala itti aanu kanaan kaa’aniiru. Inni calqabaa Getnat Alamu ( Universitii finfinneeraa) barrffama isaa ‘Rural land policy, Rural transformation and recent trends in large scale rural land accusations in Ethiopia’ jedhu fuula 10 irratti waan kaa’ee dha. Kunis

The federal rural land proclamation on land transfer through … inheritance clearly states that being a rural resident and engaged … in agriculture is a condition of eligibility,[47]

kan jedhuu dha.


Inni lammataa Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe fi Michael Roth kan barreeffama isaanii Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration’ jedhu fuula 10 irratti teechisanii dha. Kunis

Current federal and regional land laws restrict inheritance of rural land only to family members who are resident in rural areas while the country’s succession law does not put any restriction to which one can bequeath their property and rights.’ [48]jechuun kan teechisanii dha.


Haaluma walfakkaatuun Getnat Alamu fi Mehrab Malek barreeffama isaanii Implication of Land Policy for Rural Urban Linkage and Rural transformation in Ethiopia jedhu fuula 8 irratti

Transfer of land use right in the form of inheritance or donation is allowed only to the land holder’s family members who are residing in the rural kebele and are engaged in agriculture or wish to engage in agriculture.

jechuun dhimma kana kaa’aniiru.


Labsichi dhaaltoota qabiyyee lafa sanarraa argamuun bulaniif, ykn galii biraa hin qabneef dursi mirga dhaalmaa akka kennamuufii qabu kwt 9/2 jalatti ibseera. Labsichi ‘mirga durasaa’ kan jedhu maal jechuu akka ta’e hiikoo kan itti kenne ta’uu baatus ibsa kwt 9/2 fi damb.kwt.3/13 jaltti kennameef irraa ka’uun namni tokko mirga dursaan qaba jedhee dhaaltota kaan dhaala keessaa hambisuuf dhimmoota itti aanan kana agarsiisuu danda’uu qaba.


Isaanis :-

  1. Jalqaba akka tumaa miseensa maatii qabiyyee lafa baadiyyaa dhaalaan argachuuf seeraan kaa’aman keessaa tokko ta’uu qaba.[49] Miseensi maatii dhaalan lafa argachuu danda’a jedhee seerri kaa’e immoo qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi/ykn gamis horsiisee bulaa qofa.[50]

  2. Ofii isaatii/ishiiti galii qabiyyee lafa sanarraa argamuun kan bulan yookiin galii biraa kan hin qabne ta’uun isaa ragaa Mana Maree Bulchiinsa Gandaatiin mirkanaa’ee dhiyeeffachuu akka qabuu[51] fi

  3. Dhaaltonni kuun galii lafa sana irraa argamuun ala madda galii biraa kan qaban ta’uu agarsiisuf dirqama kan qabu ta’uu isaati (jireenyi isaanii galii lafa sanirraa argamurratti kan hundaahe ta’uu dhabuu) [52]

Haa ta’uutii garuu mirgi dursaa kun hanga kamitti kennama dhimma jedhuuf labsiin bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo keenyaa wanti inni jedhu kan hin jirre tu’uu irraa kan ka’e kanaan dura dhimmi kun haala kamiin raawwatama waan jedhu irratti ijjannoon adda addaa kan ture ta’u illee dambiin labsicha raawwachiisuuf bahe dambii 151/2005 kwt’n 10/10 akkaataa labsii 130/97 kwt keewwata 9 keewwata xiqqaa 2 jalatti tumameen qabiyyicha namoota mirga dhaalaatiin dursa qabaniif gaheen nama tokkoo lafa midhaanii heektaara tokko, lafa jallisii heektaara 0.25 fi qabeenya dhaabbataa heektaara 0.25 kan hin caalle kennameefii kan hafu irratti miseensa maatii biraa waliin mirgi dhaalaa ni eeggamaaf jechuun fala itti kenneera. Akka walii galaatti dhaalaan qabiyyee lafa baadiyyaa argachuuf miseensa matii ta’uun dabalata qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, ykn gamis horsiisee bulaa ta’uun dirqama; dhimmi dursaas kan ka’u qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, ykn gamis horsiisee bulaa galii biraa qabuu fi hin qabne jidduutti kan raawwatamuu ta’uu isaati.


Gama biraan seerichi mirga qabeenya dhaabbataa kan akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru dhaaluu dhaaltota bu’ura tumaalee seera hariiroo hawaasaa qabeenya biroo kam iyyuu dhaaluf kaawwamanii filataman hundaa fi nama biroo sababa dhabbiin galii qabiyye lafa abbaa qabiyyee irraa argamuun abbaa qabiyyee faana jiraateef dhaalaa qabiyyee lafaa ta’eef akka hayyametu hubatama. Ta’us dhaaltoota kanneen keessaa kan qabiyyee lafa baadiyyaa dhaaluuf mirga hin qabne garuu qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan dhaaluuf mirga qabu kun qabeenya dhaale kana oomisha qabeenya irraa argamu oomisha waggaa 3 namoota dursa dhaalaa qabiyyee lafaa qaban waliin baasii barbaachisaa ta’e danda’uun oomisha yookiin galii qoodachuu ni danda’a; oomisha waggaa 3 booda mirgi lafichaa fi oomisha qabeenya dhaabbataatti fayyadamu kan nama mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa dhaaluuf dursa qabu ta’a.[53]


Ijoon biroo asitti dabalataan ka’uu malu namni biroo sababa dhabbiin galii lafa irraa argamuun abbaa qabiyyee faana jiraateef dhaalaa qabiyyee lafaa ta’ee qabeenya biroo kan qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru hin taane dhaaltota biroo faana dhaaluuf mirga ni qabaayii dhimma jedhuu dha. Kana ilaalchisee tumaalee seera dhimma lafaa ilaalatan kam irraayyuu wanti hubatamu hin jiru. Gama biraan namni abbaa qabeenyaa ta’e qabeenya isaa dhaaltota isaa akka seera hariiroo hawaasaa dhimma dhaalaa akka walii galaatti ilaallatuun dhaaltota jedhamanii filatamaniif mirga dhaalchisuu akka qabu seerri ifatti kaa’ee akka jiru ragaa lakkaa’u hin barbaachisu. Waan ta’eef namni biroo abbaa qabiyyee faana dhaabbiin waan qabiyyee lafichaa irraa argamuun fayyadamaa sababa jiraateef bu’ura seera lafa baadiyyaa federaalanis ta’ee nannoo keenyaan miseensa maatii ta’ee qabiyyee lafaa dhaalu kun mirgi dhaalmaa isaa qabiyyee lafaa fi qabeenya dhaabbataa akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan lafa irra jiru irratti kan daangahee dha.


Kaayyoon tumaa seera kanaa lafti qabeenyaa mootummaa waan ta’eef, namootni mirga abbaa qabiyyee isaaniitti gar malee fayyadamuun lafa akka qabeenya dhuunfaatti akka hin dabarsine dhorkuu dha.Keessattuu, lafti harka lafa jalaan akka hin gurgura mne gochuuf hiikkaa miseensa maatii dhiphisuun barbaachisaa dha. Omshitummaa lafaa ol kaasuun immoo kaayyo isa birooti. Lafti jireenya qotee bulaaf murtessaa waan ta’eef harka isaa keessaa akka hin baane dhorkuu dha.[54]


Imaammataa fi seera lafa baadiyyaa biyya darbees kan naannoo keenyaa irraa kan hubatamu kana ta’u illee qabatama hojii lafa irra jiru hubachuuf dhimmoota itti aanan kanneen haa ilaallu. Dhimmi kun dhimma Manni Murtii Ol-Aanaa Go/Arsii gal.lakk. 64629 irratti ilaalee murteesse dha. Galmee kana irraa akka hubachuun danda’amutti Ol’iyyatoonni ammaa himattoonni jalaa Addee Ilfinash Maammoo fa’a N 2 himata Aanaa Loodee Hixxoosatti dhiyyeessaniin oboleettii isaanii kan taate deebii kennituun ammaa himatamtuun jalaa Barsiistuu IIteenash Maammoo qabiyyee lafa baadiyyaa haadhaaf abbaa keenyaa nujalaa qabattee nuuf hirtee jirti waan ta’eef akka dirqamtee nuuf hirtu jedhanii gaafataniiru.


Deebiikennituun gama isheen ani lafa kana kennaan duutota maatii keenya irraa karaa seera qabeessa ta’een kanan argadhee maqaa kootitti naanneffadhee itti fayyadamaa jira waan ta’eef na gaafachuu hin qaban jette. Kennan jettu kun jiraachuu isaaf iyyata haati ishee deebii kennituun intala too ta’uu naaf haa mirkanaa’u jettee haati isaanii koree hawaasummaa gandaatti iyyatte, murtii koreen hawaasummaa gandaa deebii kennituun intala ta’uu murteesse fi unka 006 jedhamu kan gaafa maqaan abbaa qabiyyummaa lafaa naanna’u guuttamu fi raga namaati dha.

Manni Murtichaas dhimmicha ofitti fuudhee erga ilaaleen booda karaa seera qabeessa ta’een kennamuufii isaa ragaan dhiyaate ni agarsiisa jechuun qabiyyeen kun ol’iyyatootaaf sababni gadi lakkifamee hiramuuf hin jiru jechuun iyyata ol iyyatootaa kufaa taasiseera. Dhimmumti kun ol-iyyataan M/M/Ol’Aanaa Go/Arsiif dhiyaatee kan deebii argachuu qabu kennaan deebii kennituun ittiin qabiyyee kana argadhee jira jettu seera qabeessa moo miti ? sababni biraa isheen mirga dursaa argattee qabiyyee lafaa kana qophaa ishee dhaaluu danddeessuf hoo jira moo hin jiru?kan jedhanii dha jedhee dhimmicha xiinxaleera.


Bu’uruma kanaan kennaan qabiyyee lafa badiyyaa dabarsu akka seeratti kan raawwatame kan isheen dhiyeeffatte hin jiru; akkasumas deebiikennituun ofii isheefis barsiistuudha, abbaan manaa ishees hojii qaba waan ta’eef galii ofii ishee qabdi waan ta’eef mirga qophaa ishee lafa kana dhaaluu hin qabdu; qotee bultoota obboleeyyii ishee hafan lamaaniin wal qixa adda haa hirattu jechuun hojjataa mootummaa galii biraa qabu lafa qonnaan bulaa faana akka adda hirattu murteesseera.


Dhimmi kun immoo dhimma M/M/O/Go/Shawaa Kaabaa lakk.ga.47219 ta’e irratti gaafa 03/11/06 ilaalee murteesse dha. Galmee kana irraa hubachuun akka danda’amutti ol-iyyattootni ammaa Addee Hannaa Shifarraa fa’a N2 himata mana murtii aanaa kuyyuutti deebii kennitoota ammaa himatamtoota jalaa kan ta’an Addee Ilfinash Dabalee fa’a N2 irratti saaqaniin deebii kennitoonni ammaa kun qabiyyee lafaa akaakayyuu keenyaa dhaalaan nu gahu akka nuuf qoodan jechuun himataniiru. Himata isaanii faana ragaa barreeffamaa mana maree ganda ol iyyattuun 1ffaan keessa jiraattu irraa bara’e kan isheen miseensa maatii dhaalchisaa akka taatee fi dhaabbin osoo isa waliin jiraachaa jirtuu kan du’e ta’uu akkasumas ol-iyyattuun tun galii lafa kana irraa argattuun ala kan biraa kan hin qabne ta’uu ibsu fi ragaa biroo qabsiisaniiru.


Deebii kennitoonni deebii kennan yoo laalle, deebii kennituun 1ffaan gaheen niitummaa koo keessaa bahee dhaaltonni yoo hiratan komii hin qabu yoo jettu deebii kennituu lammffaan immoo murtiin argadheera waan ta’eef hin hiru jetteeti.


Manni murtii aanaa aanichaa sadarkaa duraatti dhimmicha ilaale gaheen niitummaa deebii kennituu 1ffaa keessaa bahee qabiyyeen kun dhhaaltota kaaniif qixa haa hiramu jechuun lakk. ga. 30995 ta’e irratti murteesse. Komii ol iyyattuu 1ffaan mirgi dursaa naaf hin eeggamne sababa jedhuun kaaste bu’ura godhatee dhimmumti kun mana murtii ol aanaa godiina shawaa kaabaatiif dhiyaatee manni murtichaa dhimmicha ilaaluun bakka manni maree ganda wal falmitootaa akka dambii151/2005 kwt 3/13’tti ol-iyyattuu 1ffaan miseensa maatii dhaalchisaa akka taatee fi dhaabbin osoo isa waliin jiraachaa jirtuu kan du’e ta’uu akkasumas ol-iyyattuun tun galii lafa kana irraa argattuun ala kan biraa kan hin qabne ta’uu ibsaa jirutti fi ragaan isaas galmee keessa jirutti manni murtii jalaa mirga dursaa ol-iyyattuu 1ffaa dhabsiisuun sirrii miti waan ta’eef akka dambii 151/2005 kwt 10/10 jalatti tumamee jirutti ol’iyyattuu 1ffaaf lafti hek. 1 erga keessaa baheefii booda kaan dhaaltota hafan faana qixa haa qooddattu jedheera.


Dhimmi kun immoo dhimma M/M/O/Aanaa Go/Ho/Wallaggaa gal. lakk. 14928 irratti gaafa 09/03/2006 ilaalee murteesse dha. Akka galmee kan akeessaa hubachuun danda’amutti deebii kennituu ammaa himattuu jalaa kan taate addee Bojee Abarraa himata ol-iyyataa ammaa himatamaa jalaa obboo Asabaa nagaasaa irratti M/M/A/ J/Jaarteetti dhiyeessiteen ol-iyyataan ammaa kun lafaa fi qabeenya horii gaanfaa haadha kootii qabatee gadhiisuu dide; na jeeqe naaf haa gadhiisu jettee.


Ol-iyyataan ammaa kun gama isaan ani lafaa fi qabeenya horii gaanfaa kana kanan qabdheef seera malee osoo hin taane miseensa maatii haadha deebii kennituu ammaa tana wantan ta’eef; kunis abbaan koo haadha deebii kennituu tanaaf miseensa maatii ta’ee laficharraa waan argamuun jiraatee nus jiraachisaa turee anis itti darbee erga abbaan koo du’ee haadha deebii kennituu faana dhaabbiin qabiyyee kana irraa waan argamuun jiraachaa tureera; deebii kennituun galii fi lafa biros qabdi ; kanaaf lafa kana gad lakkisuu hin qabu jedheera. Ragaan galmee keessaa hubatamus kanuma ol-iyyattaan jedhu agarsiisa.


Manni M/M/Aanaa dhimmicha sadarkaa jalqabaatti ilaalees gal’lakk. 11712 irratti ol’iyyattaan qabiyyee lafaa fi qabeenya horii gaanfaa kana deebii kennituu ammaa tanaaf gad haa lakkisu jedheera.


Dhimmumti kun M/M/O/Aanaa Go/Ho/Gu/Wallgaatiif dhiyaatee manni murtichaa ol-iyyataan waggaa 15 oliif haadha deebii kennituu faana dhaabbiin jiraataa fi galii qabiyyee kana irraa argatuun ofii fi maatii isaa jiraachisaa tureera. Deebii kennituun gama isheen galii fi lafa biraa qabdi. Kanaaf qabiyyee lafaa ol-iyyataan gadi lakkisi jechuun dogongora jechuun yoo murteessu qabeenya horii gaanfaa ilaalchisee garuu ol-iyyattaan mirga dhaaluu hin qabu.Danbiin 151/2005 qabiyyee lafa qotee bulaa ilaallata waan ta’eef manni murtii aanaa deebii kennituuf murteessuun sirruma jedheera.

Dhimmoota kanneen irraa hubachuun akka danda’amutti yeroo ammaa kana qabatama hojii keessatti halli itti nama mirga hin qabneef mirgi isaa hin malle itti kennamuuf[55] gama biraan immoo namni mirga isaaf malu itti dhabu[56] ifatti mul’ata.


3.Kennaan


Qonnaan bulaan, gamsi horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan qabiyyee lafa baadiyyaa qabu qabiyyee lafa baadiyyaa isaa ijoollee isaa kan galii lafa saniitiin bulan; nama biraa galii biraa hin qabneef dhaabbataan abbaa qabiyyee waliin kan jiraatan;lafa dhabeeyyii ijoollee ijoollee isaa galii biraa hin qabneef kennaadhaan dabarsuu ni danda’a.[57] Haa ta’uutii garuu labsichi lafti kennaan darbuu kan danda’u ta’uu yoo ibse illee kennichi seera fuul duraatti gatii akka qabaatuuf foormaalitii maalii guutuu akka qabu hin ibsu; seera biraattis nama hin qajeelchu. Ta’us dambiin labsii lafa baadiyyaa 130/99 raawwachiisuuf baahe dambiin lakkoofsa 151/2005, kwt. 3/12 lafti baadiyaa kennaadhaan argamu kamiyyuu Waajjira Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo Aanaa biratti galmaa’uu akka qabu kaa’eera.


Kun jiraatuus qabatama hojii keessatti formaalitii kennaan lafa baadiyyaa seera qabeessa ta’e tokko ittiin taasifamu ilaalchisee ijjannoon adda addaa yeroo calaqqisutu mul’ata. Ijjannoon inni calqabaa lafti qabeenya dhaabbataadha. Kutaa walii gala seera walii galtee bulchu irraa akka hubatamutti walii galteen qabeenya dhaabbataa ilaalchisee raawwatamu kam iyyuu barreeffamaan ta’ee mana murtii ykn qaama galmeessuuf angoo qabu biratti galmaa’uu akka qabu ifatti kaa’a.[58] Dabalataaniis kutaan seera hariiroo hawaasaa dhimma kennaa addatti ilaallatu keessattuu keewwannii 2443 walii galteen kennaa qabeenya dhaabbataa ilaalchisee ykn mirga qabeenya kana irratti horatamu ilaalchisee raawwatamu tokko foormii dhaamoon ifaan godhamu tokko ittiin akka s/h/h kwt 881 tti taasifamu hordofee taasifamuu akka qabu dirqisiisa.[59]


Akka hordoftoota ijjamnnoo kanaatti walii galteen kennaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa ilaalchisee taasifame tokko seera fulduratti mirgaa fi dirqama uumuu kan danda’u yoo walii galteen kun akkaataa seera hariiroo hawaasaa kwt 881’tti raawwatamee dha. Kana ta’uu baannaan walii galteen kun akka gumeetti ilaallama malee mirgaa fi dirqama hin uumu. [60] Kana waan ta’eef walii galteen dhimma kennaa mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhaammataan ofuma isaatii ykn inni itti himaa nama biraan kan barreeffame, sana booda iddoo ragaan namni afur jirutti dubbifameefi kan mallataa’e ta’uu qaba jedhu. [61]

Ijjannoon inni lammataa immoo walii galteen mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa kennaan dabarsuun taasifamu foormii adda ta’e tokkoon taasisuun hin barbaachisu. Walii galteen kun akkuma walii galtee kiraa lafaa waan ta’eef seera qabeessummaa isaatiif formaalitiin addaa kan isa barbaachisu osoo hin taane biroo bulchiinsa lafaa fi eegumsa naannootti qofti gahaa dha jechuun ogeessonni seeraa tokko tokko yaada kennu.Kanas sababaan gaafa deeggaran walii galtee kiraa lafaa fi kennaa lafaa qaama adda addaatti kennuun akka mirkanaa’u taasisuun hojii bittinneessuun bilchiinsi lafaa akka rakkoo keessa galu taasisuu dha jedhu.[62]


Dubbii tana caalatti ifa gochuuf dhimmoota itti aanan kanneen haa ilaallu. Dhimmi kun dhimma Manni Murtii Walii Galaa Oromiyaa lakk. ga. 188063 irratti gaafa 09/04/2007 ilalee murteesse irraa haala barreeffama kanaaf ta’uun kan fudhatamee dha. Dhimma kana irraa akka hubatamutti D/kennitoonni ammaa himatamtoonni jalaa Addee Hawwaa Mahaammad fa’a N4 himata Ol’iyyataan Obboo Mahaammad Mahaammad irratti Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumitti saaqaniin himatamaan qabiyyee lafaa fi qabeenya biroo kan duutota haadhaa fi abbaa isaanii ta’e akka hiruuf gaafatan.


Himatamaan gama isaan dhimmaa qabiyyee lafaa ilaalchisee deebii kenneen qabiyyeen lafaa falmii kaase kun dura haadhaa fi abbaa koon naaf kennamtee jirti waan ta’eef na gaafachuu hin danda’an; osoo ta’eeyyuu moo lafa biraa qabu waan ta’eef isaan lafa kana narraa faafachuu hin danda’an jedhe.


Ragaan galmee keessaa hubatamu wal-falmitoonni shananuu ijoollee abbootii qabiyyee falmii kaasee akka ta’ee fi hundi isaaniyyuu lafa falmii kaase kanaan ala lafa biro kan qaban ta’uu isaati. Walii galteen kennaa jira jedhame barreeffamaan kan hin jirree fi afaaniin kan taasifame ta’uu galmee irraa ni hubatama.


Manni murtichaas dhimma kana ilaalee lakk.ga.20609 irratti gaafa 20/03/07 murtii kenneen walii galteen kennaa qabiyyee lafaa tasifame hin jiru. Hundi isaanuu qabiyyee lafaa idda biraatii qabu waan ta’eef wal qixa haa qooddatan jedhee murteesseera. Manni Murtii Ol-Aanaa Go/H/Lixaas kanuma ajeja mirkaneesseera. Dhimmumti kun M/M/W/Oromiyaa gahee M/Murtichaa murtii gal.lakk. 188063 irratti gaafa 09/04/07 kenneen wal falmitoonni hundi qabiyyee falmii kaaseen ala lafaa lafaa isa biro qabu waan ta’eef kan mirga dursaa akka labsii lafaa 130/99 kwt 9/4’tti qabu hin jiru; haaluma wal-fakkaatuun lafti qabeenya dhaabbataadha; kanaaf kennaan qabiyyee lafaa walii galtee qabeenya dhabbataa ilalltu waan ta’eef akka s/h/h kwt’n 1723, 2428 fi 881’tti taasifamuu qaba. Waan ta’eef kennaan raawwatame hin jiru; kanaaf walqixa haa hiratan jechuun murteewwan manneen murtii jalaa cimsuun murteesseera.

Dhimmi kun immoo dhimma Dhaddacha Ijibbaata Mana Murtii Waliigala Oromiyaa ga.lak. 97829 ta’e irratti ilalee murteessee dha. Galmee kana irratti manni murtichaa kennaan lafaa akkaatuma Seerri Hariiroo Hawaasaa kaa’uun galmaa’uu akka qabu labsiin 130/1999 ni ibsa jechuun murteesseera. Labsiin 130/1999 formaaliti walii galtee kenna lafa baadiyyaa ilaalchisee waanni jedhu kan hin jirre ta’us dhaddachi kun garuu walii galteen kennaa la/baadiyyaa seera qabeessa ta’e jira jechuuf bareeffamaan ta’ee qaama aangoo qabu biratti galmaa’u qaba ijjenno jedhu akka qabu hubachuun ni danda’ama.


Karaa biraan Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Walii Galaa Federaalaa falmii dhimma lafaa Aadde Ababaa Tashoomee vs. Aadde Ataree Tashoomaa, Lak. Galmee 11090,ta’e irratti Lafa akka qabeenyaa dhaabbataa biraatti fudhachuun tumaalee SHH kallattiin irratti raawwachiisuu hin qabnu. Lafti qabiyyee dha. Kanaaf, namni kenna kennu fedha guutun kennuun isaa gahaa dha ’jechuun murteessee jira.


4.Mirkaneessa Argannaa Mirga Abbaa Qabiyyee Lafa Baadiyyaa


Armaan olitti mirgi abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa karaalee sadiin akka argamuu danda’u ilallee jira. Namni qabiyyee kana hallan argannaa kenneen keessaa karaa ta’e tokkoon argate ani abbaa mirgaati jechuuf ragaa mirga abbaa qabiyyuummaa qaama angoo qabu biratti qabiyyee isaa galmeessisee argachuu akka qabu seera dhimmicha bulchurraa argachuu akka qabu ni hubatama.[63]


II.Carraa Lafa Karaa Seera Qabeessa Hin Taaneen Argamee


Akkuma kutaa barreeffama kanaa asii olii keessatti illaallame, qabiyyeen lafa baadiyyaa seera qabeessa ta’e kan argachuu danda’u namoota mirga kana argachuuf ni danda’an jedhee seerichi adda baasee kaa’e dha. Kan argachuus danda’an karaa seerichi kaa’e, jechuun, mootummaa irraa hirtaan ykn maatii ofii irraa kennaan ykn dhaalaan adeemsa seerichi kaa’e keessa darbuun qofaa dha.[64] Haa ta’uutii garuu dhugaan lafa irra jiru yoo ilaallame namni haala adda addaan mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa karaalee seeraan kaa’aman armaan olitti ilaallaman kanneen sadeeniin ala yeroo itti qabtamu bal’inaan mul’achuun isaa dhugaa ragaa hin barbaannee dha. Kanaan wal qabatee carraan lafa baadiyyaa seeraan ala qabamee kanaa maal dhimma jedhu irratti yaadonnii adda addaa yoo calaqqisantu mul’ata.

Ijjannoowwan dhimma kanaan wal qabatanii ka’an kanneenis iddoo lamatti hiruun ilaaluun ni danda’ama. Ijjannoon inni calqabaa akka tumaa dambii 151/2000 keewwata 32 irraa hubachuun danda’amutti namnii lafa badiyaa seeraan ala qabatee argame kamiyyuu hanga wagga 12 tti gadidhisisuuf darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu. Kana irraa kan hubatamu namni lafa seeraan ala qabate lafa qabte kan akka gadi lakkisu taasisuuf abbaan mirgaa waggaa 12 keessatti himachuu qaba. Sana darbinaan lafa kana isa gadi lakkisiisuu hin danda’u. Kana irraa ka’uun hordoftoonni ijjannoo kanaa namni darbiinsa yeroon lafti isa harkatti hafe kun mirga abbaa qabiyyuummaa horta jedhu. Kunis dudhaa darbiinsa yeroo irraa kan maddu dha jedhu.[65] Waan ta’eef akka ijjannoo kanaatti lafa nama dhuunfaas ta’e kan mootummaa ykn kan gamtaan ummanni itti fayyadamu waggaa 12’f qabatanii turuun mirga abbaa qabiyyummaa nama gonfachiisa jedhu. [66]

Ijjannoon inni lammataa fi ijjannoo barreessaa ammaa kanaas ta’e garuu lafti seeraan ala qabtame haala kamiinuu mirga abbaa qabiyyummaa nama hin horachiisu. Lafa seeraan ala qabachuun waggaa murtaa’eef turuun qofti mirga abbaa qabiyyummaa nama hin horachiisu. Lafti qabeenya murteessaa haala bu’aa qabeessa fi itti fufiinsa qabuun bifa faayidaa waliinii ummataaf ooluu danda’uun itti fayyadamuu qabnuu dha. Kana mirkaneessuuf dirqamni mootummaatti kennameera.[67]Miti qabiyyee seeran ala qabamee galmeen darbiinsa yeroon cufame fi mirgi abbaa qabiyyummaa lafichaa namiifuu hin kennamni mirgi abbaa qabiyyummaa bifa kamiiiniyyuu argame qaama bulchiinsaa angoo qabu biratti galmaa’ee namicha argadhe jedhuuf mirkanaa’ee kennamu malee ani abbaa qabiyyeeti jechuu hin danda’u. [68]

Dhimmi lafa kennuu fi kennuu dhiisuu dhimma bulchiinsaati. Waan ta’eef qaamni bulchiinsaa lafa kana nama kanaa hanga hin kenninetti abbaa qabiyyee hin ta’u. Qaamni bulchiinsaa kun immoo ulaagawwan ittiin lafa kennuu fi dhiisu kan akka fakkeenyaaf qabiyyee duraan namichi qabu, galii biraa qabaachuu fi dhiisuu namichaa, gosa lafa namni kun qabtee fi kkf qaba. Kanaaf qabiyyeen kun dhimmoota kana irratti hundaa’ee ykn isaaf kennama ykn irraa fudhatamee fayidaa duraan kennaa ture akka kennu ta’a, [69]ykn immoo namni biroo akka fudhatu ykn immoo faayidaa ummataaf akka oolu taasifamuu danda’a ijjannoo jedhuu dha.[70]

Kallattii abbaa qabiyyee dhuunfaa duraaniitinis yoo ilaallame gama tokkoon namni kun lafa kana erga nama harkatti gatee waggaa 12 guunnaan himatee gad lakkisiisuuf hin danda’u. Gama birootiin immoo lafa kana waggaa 2 fi isaa olii osoo itti hin fayyadamin waan tureef lafichi irraa fudhatama.[71] Waan ta’eef carraan lafa seeraan ala qabamee akka akka isaatti ykn isaaf kennama ykn irraa fudhatamee fayidaa duraan kennaa ture akka kennu ta’a, [72]ykn immoo namni biroo akka fudhatu ykn immoo faayidaa ummataaf akka oolu taasifamuu danda’a.[73]


III.Guduunfaa fi Yaada Furmaataa


Lafti qabeenya ummamaa murteessaa fi qabeenya biroo illee horachuuf isa bu’uraa ta’ee dha. Sirnaa fi sochii diinagdee kamiiyyuu keessatti taanaan dhimmi lafaa dhimma ijoo fi akkaataan argannaas ta’ee bulchiinsa mirga qabeenya kana irratti horatamuu dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaaduu dha. Lafti sanuma ta’uu ishee fi yeroo irraa yerootti kan hin daballe ta’uu isaan walitti dabalamee qabeenyi kun qabeenya mi’aawaa akka ta’u taasiseera. Amaloota bu’uraa qabeenya kanaa haala ilaalcha keessa galcheen fi kayyoo imaammata lafa biyyattii qabeenya lafaa haala bu’aa qabeessaa, itti fufiinsa qabuu fi lammiilee hundi sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’an taasisuu galmaan gahuu danda’aniin haalli argannaa lafa baadiyyaa nannoo keenyaa seeran bulee argama.

Bu’uruma kanaan lafti baadiyyaa naannoo oromiyaa akkuma kanneen naannolee biroo kan argamuu danda’u mootummaa irraa ykn maatii ofii irraa dhaalaa fi kennaan qofaa dha. Mootummaa irraa bilisaan kan lafa argachuu danda’u qonnaan bulaa ykn nama qonnaan buluuf fedhii qabuu fi ummuriin isaa waggaa 18 guutee dha. Adeemsi inni lafa ittiin argatus akka jalqaba iyyata bulchiinsa gandaa inni keessa jiraatutti galfatee, qaama bulchiinsa sadarkaa sadarkaan jiruun dhimmi isaa qulqulaa’eeti. Lafti kan isaa kennamu immoo lafti lafa jiruu fi tajaajila misooma qonnaaf oolu yoo jiraatee dha.

Dhaalaan mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa kan argachuu danda’u miseensa maatii qonnaan bulaa qonnaan bulaa ta’ee dha. Qonnaan bulaan lamaa fi sanaa ol gaafa dhaalaaf dhiyaatan isa galii biraa hin qabnee fi dhaabbiin abbaa qabiyyee faana jiraatuuf hanga hektaara tokkootti dursi mirga dhaalmaa kennameefii ti kan hafe warra kaan faana kan qixa hiratu.

Kenneen lafa baadiyyaa kan argachuu danda’u immoo ijoollee qonnaan bulaa fi ijoollee ijoollee abbaa qabiyyee qonnaan bulaa ta’anii fi galii biroo hin qabne dha.

Qabatamaa hojii lafa irraa jiruun garuu haalli itti namni bu’ura seeraan lafa argachuu hin dandeenye lafa itti argatutu mul’ata. Lafti karaa seera qabeessa hin taaneen yoo kennamuu fi qabiyyeen abbaa mirgaa illee seeraan ala fudhatamee yoo qaama biroof kennamutu mul’ata.

Kun immoo qajeeltoo bu’uraa Heerri biyyattii fi Imaammata mootummaan kaa’ame akka hojiirraa oolaa hin jirre namati agrsiisa. Seerri qajeeltoo kanas hojiitti hikuuf dandeessisu jiraatu illee kallattii yaadameen hiikkamee hojiirra oolaa akka hin jire namatti agarsiisa.

Waan ta’eef rakkoo kana furuuf mootummaa dhimma kana irratti haala ulfina isaan wal madaaluun hubannoon bal’ina qabu bifa leenjiin ykn mijataa ta’e kan biroo kanneen akka midiyaan abbaa mirgaaf, rawwattoota fi mudamtoota mootummaa dhimma kana bulchaniif kennamuu qaba.

Kana qofa osoo hin taane dhimmi qabeenya lafaa bulchuu dhimma murteessaa fi hubannoo seeraa gad fageenya qabu gaafatuu dha. Waan ta’eef muudamtoonnii fi raawwatoonni dhimma kana bulchanii fi seerota qabeenya lafaan wal qabtu hojiitti hiikan ogeessota seeraa ta’uu qabu.Kanaan maddiitti sirni itti gaafatamummaa cimee hojiirra ooluu qaba.







[1] Labsii Lafa Baadiyyaa Itiyoophiyaa Qabeenya gamtaa Ummata Itiyoophiyaa Taasisuuf Bahe (kana booda lab.31/1967 jedhamu ), lab. lakk 31/1967, kwt 3 ilaala.


[2] Heera Mootummaa Ripaablika Dimokiratawaa Federalawaa Itiyoophiyaa, Nagarit Gazexaa, Labsi. Lakk.1/1987 (kana booda H/M jedhamee caqasamu ), kwt 40/3 ilaala.


[3] Heera Mootummaa Ripaablika Dimokiratawaa Federalawaa Itiyoophiyaa, Nagarit Gazexaa Labsi. Lakk.1/1987 (kana booda H/M jedhamee caqasamu), kwt 40/4/,/5/,/6/ ilaala.


[4] H/M kwt, 40/3,4,5,6/ ilaala.


[5] H/M kwt, 40 /4//5//6/. Akkasumas Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Ripaablika Federaalawa Itiyoophiyaa (kana booda labsii 456/1997 jedhamu), Nagarit Gazexaa Labsi. Lakk.456/1997 ( kana booda lab.456/1997 jedhamee caqasamu ), kwt 5 ilaala.


[6] Yigremew Adal, Rural Land Tenure and Women’s Land Rights in Ethiopia, Ethiopian Business Law Series, (AAU 2009) , p.150


[7] H/M kwt, 40/3. Akkasumas World Bank Inistitute, “Land Policy and Administration”. Paper Prepared for Distance Learning Pilot Course. ( 2003). Washington FF. 15


[8] H/M, kwt. 89/5


[9] H/M, kwt. 40/4//5/


[10] H/M, kwt. 40/6/


[11] Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa ( kana booda labsii 130/99 jedhamu), labsii lakk. 130/1999, kwt. 2/3, akkasumas Labsii 456/97, kwt. 5 Ilaala.


[12] Labsii 130/99 , kwt.5 fi Dambii 151/2005, kwt. 3 ilaala.


[13] Dambii 151/2005, kwt 3


[14] Akkuma yaadannoo lakkoofsa 10 ffaa


[15] Dambii 151/2005, kwt 32 fi Seera hariiroo hawaasaa Itiyoophiyaa kwt’n 2033 fi 2035 ilaala.


[16] Labsii 130/ 99, kwt’n. 6/9 fi 15/11


[17] Labsii 130/99, kwt. kwt.19-24 ilaala.


[18] Labsii beenyaa labsii lakk. 455/97 kwt 8 ilaala


[19] Dambii 151/2005, kwt.32


[20] Dambii 151/2005, kwt.3


[21] Dambii 151/2005 kwt 3


[22] Labsii beenyaa 455/1997, kwt. 8, Qajeelfama RFDI lakk. 135/97, kwt. 19


[23] Labsii federaalaa lakk. 455/1997 kwt 2/1


[24] Elias N. Stebek, Muradu Abdo, Hailu Burayu, Property Rights Protection and Private Sector Development in Ethiopia, 2013, Addis Ababa, pp. 26-28


[25] Akka qajeelfama mootummaa federaalaa lakk.135/2007 kwt.19 labsii 455/97 hojiitti hiikuuf bahe irraa hubachuun danda’amuttis miti qabiyyee duuwwaa jiruuf namni qabiyyee duuwwaa ture irratti erga ajajni gadi lakkisii isa gaheen booda qabeenya kamiyyuu irratti horte beenyaan akka hin kanfalamneef kaa’a.


[26] Yaada Abbootiin Seeraa fi Alangaa Nannoo Oromiyaa Leenjii irratti kaasan irraa kan cuunfamee fudhatame, sadaasa 2008, ILQSO


[27] Akkuma yadannoo lakkoofasa 24


[28] H/M 40/1fi 8


[29] Labsii federaalaa lakk. 455/97 kwt 3


[30] Kanuma


[31] Seera h/h kwt 1149 ilaala.


[32] Dambii 151/99 kwt 32


[33] Material on Property Law, By Simeneh Kiros and Muradu Abdo, Octeber 2000, pp.245


[34] Akkuma yadannoo lakkoofsa 24 asii olii.


[35] Heera mootummaa RDFE 89/5


[36] Dambii lakk. 151/2005 kwt 3


[37] Fakeenyaaf lafa bosonaa eeggamaa namni yoo seeraan ala qabate mirgi qabiyyee mataan isaa jira nama hin jechisiisu. Qabeenya uummataa eegumsa addaa hin qabne, etc


[38] Labsii lafa baadiyyaa 130/99 kwt 5/1-4/


[39] Fakeenyaaf lafa bosonaa eeggamaa namni yoo seeraan ala qabate mirgi qabiyyee mataan isaa jira nama hin jechisiisu. Qabeenya uummataa eegumsa addaa hin qabne, etc


[40] Labsii lafa baadiyyaa 130/99 kwt 5/1-4/


[41] Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration, pp. 10-13


[42] Kanuma


[43] Kanuma


[44] Seerota kallattii imaammataa mootummaan lafa irratti hordofu ilaalcha keessa galchuun mootummoolee federaalaa fi naannoleen bahanii dha.


[45] Labsii 130/97 kwt 5/5


[46] Labsii 130/97 kwt’n 6/1 fi 9/1 cum 5/5


[47] Getnat Alamu , Rural land policy, Rural transformation and recent trends in large scale rural land accusations in Ethiopia, Yuniversiitii finfinnee , fuula 10


[48] Solomon Bekure, Abebe Mulatu, Gizachew Abebe and Michael Roth, Removing Limitations of Current Ethiopian Rural Land Policy and Land Administration, fuula 10


[49] Labsii 130/97 kwt 5/5


[50] Labsii 130/97 kwt 5/5 . Akkasumas ; ; Getnat Alamu and Mehrab Malek, Implication of Land Policy for Rural Urban Linkage and Rural transformation in Ethiopia , fuula 8 ilaala.


[51] Dambii 151/2005 kwt 3/13/


[52] Labsii 130/97 kwt 9/2


[53] Dambii 151/2005, kwt. 10 /4/ fi /5/


[55] Fakkeenyaaf galmee lakkoofsa 14928 murtee kennameen ol-iyyataan mirga dursaa akka labsii 130/99 kwt 9/4’tti qabuun qabiyyee lafa hektaara tokko akka dambii 151/2005 kwt 10/10’tti fudhatee kan hafe deebii kennituu faana hirachuu qaba ture.


[56] Kanuma


[57]Labsii 130/1999, kwt. 5/5 fi 9/5 fi Dambii 151/2005, kwt. 10/2


[58] Seera Hariiroo Hawaasaa. kwt. 1723


[59] Yaada isaanii kana tumaa seera hariiroo hawaasaa, kwt’n. 2443, 881, 1176 fi 1723 fi dambii lakkoofsa 151/2005, kwt. 3/2 caqasuun cimsu.


[60] Seera Hariiroo Hawaasaa, kwt. 1720/1


[61] Murtii Manni Murtii Walii Galaa Oromiyaa lakk. ga. 188063 irratti kenne ilaalaa.


[62] The Journal of Ethiopian Legal Education Vol. 3 No. 2 (2010) pp. 153-160


[63] Dambii 151/2000 kwt’n 3/6/ fi /12/ ilaalaa.


[64] Akkuma Yaadannoo Lakkoofsa 26ffaa


[65] Kanuma


[66] Kanuma


[67] Heera mootummaa RDFE 89/5


[68] Dambii lakk. 151/2005 kwt 3


[69] Fakeenyaaf lafa bosonaa eeggamaa namni yoo seeraan ala qabate mirgi qabiyyee mataan isaa jira nama hin jechisiisu. Qabeenya uummataa eegumsa addaa hin qabne, etc


[70] Labsii lafa baadiyyaa lakk.130/99 kwt 5/1-4/


[71] Labsii 130/ 99 kwt 6/16 fi dambii lakk. 151/2005 kwt 5


[72] Fakeenyaaf lafa bosonaa eeggamaa namni yoo seeraan ala qabate mirgi qabiyyee mataan isaa jira nama hin jechisiisu. Qabeenya uummataa eegumsa addaa hin qabne, etc


[73] Labsii lafa baadiyyaa lakk. 130/99 kwt 5/1-4/





 

Addis Ababa, Ethiopia

©2017 by Law of the Land. Proudly created with Wix.com

bottom of page